Gosa Nyaataa Dhibee Garaachaaf Nyaachuu Danda'an!!
Gosa Nyaataa
dhibee Garaachaaf Nyaachuu Danda'an
Karaalee dhukkubbiin garaachaa itti uumamuu danda'u keessaa
1. Baakteeriyaa
2. Dhugaatii alkoolii baay'ee fudhachuu
3. Qorichoota yeroo dheeraaf fudhataman tokko tokko
4. Gosa nyaata nyaannu
Qoricha dhukkubbii garaachaa gara buufata fayyaa deemuun argannu malees, nyaata keenya sirreessuun dhukkubbii sana ofirraa baasuuf nu gargaara.
* Gosoota nyaata dhukkubsattoonni garaachaa nyaachuu danda'an tokko tokko:-
1. Fuduraalee: Fuduraaleen vitaaminii, fiber fi antioxidants fayyaaf barbaachisoo ta’an waan of keessaa qabuuf sagantaa nyaata guyyaa guyyaa keenya keessatti hammachuun barbaachisaadha.
Fuduraaleen akka abaaboo fi harbuu namoota rakkoo garaachaa qabaniif nyaata mijaawaa yoo ta'an, burtukaanni garuu hin gorfamu
2. Kuduraa: Kuduraa gosa adda addaa nyaachuun dhukkubsattoota garaachaaf mijataadha, garuu wantoota akka qullubbi adii fi mi'eessituuwwan adda addaa qophii nyaataa irratti dabalaman fudhachuun hin gorfamu.
3. Aannanii fi oomishaalee aannanirraa: Namoota rakkoo garaachaa qabaniif aannaniifi oomishaalee aannaniin qophaa’an gaarii ta’us, namoota muraasa irratti garuu rakkoo kana hammeessuu danda’u.
. Kanaafuu, kanneen fudhachuuf walii galan qofti akka ta’e ni gorfama.
4. Foon, hanqaaquu fi qurxummii: - Nyaata kana dhukkubsattoota garaachaa nyaatamuu kan danda’an yoo ta’u, mi’eessituu fi cooma malee nyaatamuu danda’u.
5. Gosoota nyaata guyyaa nyaattan gara daabboo, oats, ruuzii, boqqolloo, barbaree, paastaa, makaroonitti jijjiiruun fayyaaf filatamaadha.
6. Dhangala'aa baay'inaan dhuguun dhukkubbii garaachaa haalaan hir'isuu danda'a. Bishaan qulqulluu dhuguun qaama keenyaaf baayyee barbaachisaadha.
Dhugaatiiwwan akka bunaa, shaayii fi dhugaatii lallaafaa, akkasumas dhugaatiiwwan alkoolii, namoota rakkoo garaachaa qabaniif hin gorfaman.

Bravo
ReplyDelete