Yeroo Ulfaa Walqunnamtiin Saalaa Kallattii Kamiin Dalagamuu Qaba?
Yeroo Ulfaa Walqunnamtiin Saalaa Kallattii Kamiin Dalagamuu Qaba? Walqunnamtiin saalaa yeroo ulfaa hanga haadha ulfaa gammachiisetti, fedhii ishee ta'ee fi rakkooleen armaan gaditti eeraman hin jirretti fayya-qabeessaafi kan hin daangeffamneedha. Haata'u malee, haalli armaan gadii kun yoo jiraate walqunnamtiin saalaa taasisuun hin danda'amu: Seenaa irra deddeebi'ee ulfi bahuu qabaachuu (recurrent abortion). Bishaan gubbee (dhangalaa'aan ulfaa) torbee 37 dura dhangala'uu ykn seenaa akkasii qabaachuu (PPROM). Dhukkubbii garaa gadii kan ciniinsuu fakkaatutti fi sabaabni isaa hin beekkamne qabaachuu, dabalataanis haalli ciniinsuu yeroon isaa hin geenyeef isaa saaxilu yoo jiraate (high risk of preterm labour). Dhiigni hammi kamuufi yeroo kamiyyuu (yeroo ulfaa) gara qaama saalaan dhangala'uun yoo jiraate. Gorsi ogeessa fayyaa dursuu qaba: Barreeffamni kun gorsa ogeessa fayyaa bakka bu'uu hin danda'u. Kanaafuu, hordoffii ulfaa (ANC follow up) ...