Posts

Showing posts from July, 2026

Yeroo Ulfaa Walqunnamtiin Saalaa Kallattii Kamiin Dalagamuu Qaba?

Image
Yeroo Ulfaa Walqunnamtiin Saalaa Kallattii Kamiin Dalagamuu Qaba? ​Walqunnamtiin saalaa yeroo ulfaa hanga haadha ulfaa gammachiisetti, fedhii ishee ta'ee fi rakkooleen armaan gaditti eeraman hin jirretti fayya-qabeessaafi kan hin daangeffamneedha. ​Haata'u malee, haalli armaan gadii kun yoo jiraate walqunnamtiin saalaa taasisuun hin danda'amu: ​Seenaa irra deddeebi'ee ulfi bahuu qabaachuu (recurrent abortion). ​Bishaan gubbee (dhangalaa'aan ulfaa) torbee 37 dura dhangala'uu ykn seenaa akkasii qabaachuu (PPROM). ​Dhukkubbii garaa gadii kan ciniinsuu fakkaatutti fi sabaabni isaa hin beekkamne qabaachuu, dabalataanis haalli ciniinsuu yeroon isaa hin geenyeef isaa saaxilu yoo jiraate (high risk of preterm labour). ​Dhiigni hammi kamuufi yeroo kamiyyuu (yeroo ulfaa) gara qaama saalaan dhangala'uun yoo jiraate. ​Gorsi ogeessa fayyaa dursuu qaba: Barreeffamni kun gorsa ogeessa fayyaa bakka bu'uu hin danda'u. Kanaafuu, hordoffii ulfaa (ANC follow up) ...

Karoora Ulfa Ittisu Waggaa Sadii: Waa'ee Implanon Maal Beeyna? ​Implanon Maalidha?

Image
Karoora Ulfa Ittisu Waggaa Sadii: Waa'ee Implanon Maal Beeyna? ​Implanon Maalidha? ​Ulee xiqqoo fi socho'aa gogaa harka gubbaa jala kaa'amu ta'ee, to'annoo da'umsaa yeroo dheeraaf tajaajiluudha. ​Hormoonii piroojeestiini fayyadamuun hanga waggaa sadiitti hanqaaquun akka hin madhafne (ovulation dhaabuun) ulfa ittisa. ​Dhangala'aan gadameessaa akka furdatuufi ulaan gadameessaa akka qallatu taasisuun isparmiin gara keessaa akka hin sochoone danqaa uuma. ​Malli kun %99 ol bu'aa qabeessa yoo ta'u, erga galfamee booda suphaa guyyaa guyyaa hin barbaadu. ​Faayidaalee Implanon ​Hanqaaquu ittisa (Ovulation): Karaan inni ulfa ittiisuun jalqabaa ji'a ji'aan ovaariin hanqaaquu tokko akka hin gadhiifne dhorkuudha. ​Dhangala'aa gadameessaa furdisa: Hormooniin kun dhangala'aa gadameessaa keessa jiru waan furdisuuf, isparmiin gara gadameessaa akka hin seenne taasisa. ​Uffata gadameessaa qallessa: Akkasumas uffanni gadameessaa akka qallatu waa...

Faayidaa Qullubbii Diimaa Qabu: Qoricha Manaa Fayyaa Keenya Eegu.

Image
 Faayidaa Qullubbii Diimaa Qabu: Qoricha Manaa Fayyaa Keenya Eegu. ​Qullubbii diimaa nyaata keenya keessatti fayyadamuun fayyaa qaamaatiif faayidaa guddaa qaba. Qullubbii kana keessatti viitaaminonni, albuudoni fi kompaawindonni addaa qaama keenyaaf barbaachisoo ta'an hedduun ni argamu. ​Faayidaalee Gurgudoo Qullubbii Diimaa: ​Dandeettii ittisa dhibee ni cimsa: Viitaamin C fi farra oksiidaantotaa (antioxidants) qabaachuun qaamni dhibee irraa akka of eeguuf ni gargaara. ​Fayyaa onnee ni deeggara: Dhiibbaa dhiigaa fi kolestiroolii hamaa hir'isuuf gargaara. ​Sukkaara dhiigaa to'achuuf ni fayyada: Namoota sukkaara dhiigaa ol'aanaa qaban gargaaruu keessatti gahee qaba. ​Hojii garaachaa ni fooyyessa: Faayibarii waan qabuuf nyaatni akka gaariitti akka bullaa'u gargaara; akkasumas garaachi akka hin gogne taasisa. ​Lafee ni jabeessa: Albuudotaa fi kompaawondoota lafee deeggaran qaba. ​Dhiitaa fi miidhaa qaama keessaa ni hir'isa: Farra oksiidaantii cimaa waan qabuuf seelo...

Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"

Image
 "Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?" ********* ** 1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgabbaa'uu.  - Waan hojjachaa jiruu dhaabun ciisuu ykn taa'uu. - Hafuura dheeraa baafachuu.  - Miira dhiphinaa hir’isuuf tasgabbaa’uu. 2. Bishaan Dhuguu (yoo hin dhoowwamne): - Bishaan qulqulluu xiqqo xiqqo dhuguun kalee qulqulleessuuf gargaara. - Garuu yoo fincaan fancaa'uuf kan rakkanu ta'e ykn rakkoo onnee qabaanne, bishaan baay’ee dhuguun balaa ta’uu danda’a — kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuun gaaridha. 3. Fincaan Ilaalu: - Fincaan dhiiga qabu, foolii qabu yookiin fincaan yoo xiqqaate, mallattoo dhukkuba kalee ta’uu danda’a. - Fincaan nama gubuun yookin dhiiga makatuun yeroo bayyee mallattoo dhukkuba kalee agarsiisa. Kanaaf dursanii odoo dhukkubbiin hin eegalin adda baafachuun barbaachisaadha. 4. Dawaa Ajaja Ogeessa Fayyaatiin Ala Liqimsuu Dhiisuu: - Dawaan tokko tokko kalee miidhuu danda’a, fakkeenyaaf ibuprofen, paracetamol fi aspirin yeroo kaleen nu dhukkubde a...

Dhukkubbii Yeroo Walqunnamtii Saalaa/Dyspareunia Maaltu Namatti Fida?

Image
 "Dhukkubbii Yeroo Walqunnamtii Saalaa/Dyspareunia Maaltu Namatti Fida?" ********* ** Rakkoon kun saala lachuu muudachuu danda'us, harka caalu garuu dubartoota irratti ni baay'ata. Akka qorannoon garagaraa jedhutti dubartoonni baayyeen jireenya isaanii keessattii yeroo wayii isaan ni muudata.  Dhukkubbiin kunis xiqqaa irraa hanga hamaa gahuu danda'aa, akkasumas walqunnamtii saalaa dura, yeroo walqunnamtii saalaa fi booda ta'u danda'a. Rakkoo kana sababoonni fidan baayyeedha, sababoonni kunneenis rakkoo qaamaa ykn rakkoo xiinsammuutiin ta'u danda'a. Mee sababoota kanneen yaa ilaalluu:- *Walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal hoo'isuu dhiisuu(poor foreplay/warm-up) ykn jarjaranii gara walqunnamtii saalaa deemuu *Qorichoota tokko tokko fudhachuu, fknf kan akka qorichoota dhibee olka'u dhiibbaa dhiigaa, dhibee garaachaa fi kkf  *Umriin raaguu, keessattuu waggaa 45 booda *Miidhaan qaama saalaa fi  naannoo san irra gahuu, kunis sababa yaala baqaq...

Haal Dureewwan Walqunnamtii Saalaa.

Image
 Haal Dureewwan Walqunnamtii Saalaa 💥💥💥💥💥💥💥💥💥 ➲ Dhiirri tokko sireeratti miira dubaraa erga kakaasee ofii gadi lakkisee booda ishiinimmoo xiqqoo kan hafu ta'e 'maaloo maalif dhabda raawwadhu malee' yeroo jettu kan isaammoo fedhiin du'ee waan jiruuf qaanii guddatu itti dhaga'ama. . ➲ Dhiira tokko jiruuf jireenya walqunnamtii saalaa inni raawwatu keessatti kan isa gammachiisu yoo jiraate yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatu yoo ishee moo'edha. Yeroo dubartiin miiran aaddu, hoollattu arguun isa boonsa. Keessattuu dhumarra geessee yeroo ishiin gammachuun waan hasoftuu fi dhiistu walii wallaalte xibaartu, miiran addunyaa daaktu arguun dhiirummaa isaa akka itti dhaga'amu godha.  . ➲ Garuummo kana gochuuf yeroo dhiironni tokko tokko gola keessaa rakkatan ni mul'ata. Rakkoon kun kan muudatu hir'ina beekumsa walqunnamtii saalaa fi dubaratti siqanii fedhii ishii hubachuu dadhabuu irraan kan ka'e ta'us, baay'een keenya barumsa walqunnamtii s...

Faayidaalee Jinjibilaa:

Image
 Faayidaalee Jinjibilaa: **** Jinjibilli keemikaala “Gingerol” kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba. – Fedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala. – Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa. – Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir’isa. – Nyaanni garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa ittisa. – Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun diifafa nurraa balleessa. – Dhukkubbii maashaa erga ispoortii ykn hojii hojjannee booda nutti dhufu hir’isa. – Dhukkuba kulkulfannaa buusaa, dhukkubbii mudaanmuddii fi lafee/qiiqwee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa. – Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa saniin dhufan nurraa dhorka.

https://youtube.com/shorts/pyEsmXqsc60?si=DrGJIcXCSKztoM-E

Image
 https://youtube.com/shorts/pyEsmXqsc60?si=DrGJIcXCSKztoM-E

KULKULUU GOGAA/Atopic Dermatitis.

Image
 KULKULUU GOGAA/Atopic Dermatitis ******** * Kulkuluun gogaa ykn dhukkubni alarjii gogaa daa’imman fi ijoollee keessatti yeroo baay’ee mul’atu keessaa isa tokko dha. Dhukkubni kun daa’imman keessaa %10–30 irratti mul’achuu danda’a. Yeroo baay’ee daa’imman keessatti jalqabee hanga yeroo umrii ga’eessaatti turuu danda’a. Akkasumas dhaalaan maatii irraa darbuu mala. Umrii itti jalqabu Dhukkubni kulkuluu gogaa yeroo adda addaa keessatti jalqabu danda’a: Daa’imman umrii baatii 12 gadi – %50 Ijoollee umrii waggaa 1–5 – %80 Dhukkuboota waliin mul’atan Namni tokko kulkuluu gogaa qaba yoo ta’e yeroo baay’ee dhukkuboota armaan gadiis qabaachuu danda’a: Alarjii gogaa Alarjii nyaataa Alarjii funyaan (allergic rhinitis) Xiichaa/Asmii (Asthma) Sababoota kulkuluu gogaa Sababni alarjii gogaa yeroo baay’ee walxaxaa dha. Garuu wantoonni armaan gadi dhukkuba kana kakaasuu danda’u. 1. Nyaata Aannan Killee Loozi Firii mukaa Baqelaa Qamadii Qurxummi 2. Wantoota qilleensa keessaa Dhukkee (dust) Pollen ab...

MIIDHAA WALQUNNAMTII SAALAA BAAYYISUU .

Image
 MIIDHAA WALQUNNAMTII SAALAA  BAAYYISUU  ===================================== Fayyaa walqunnamtii saalaa eeguun fayyaa guutuu eeguu yoo ta’u, daangaa fi of eeggannoon baay’ee barbaachisaadha. Walqunnamtii saalaa baay'isuun nama baayyee waliin taasisuun, keessattuu yoo of eeggannoon hin taasifamne, rakkoo fayyaa garaagaraa fiduu danda’a. Rakkoolee sababa kanaan dhufan keessaa inni jalqabaa dhukkuboota daddarboo karaa saalaa daddarban (STIs) akka HIV/AIDS, copxoo, fanxoo, fi dhukkkuba abbaa seeruu dabalatee babal’isuudha. Dhukkuboonni kunniin qaama saalaa miidhuu fi jireenya guutuu irratti miidhaa cimaa geessisuu danda’u. Kana malees, walqunnamtii saalaa baay’isuun fayyaa sammuu fi miira irratti dhiibbaa fida. Namni tokko yeroo baay’ee walqunnamtii saalaa gochuun dhiphina sammuu, yaaddoo, fi miira gaddaa keessa seenuu mala, keessumaa yoo walitti dhufeenyi miira fi amanamummaa hin jiraanne. Namoonni muraasni gocha kananatti harka kennanii miira ofii too’achuu dadhaburraa ka...

HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA)

Image
 HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA) ** Hanqinni dhiigaa dhukkuba yeroo ammaa garmalee dabalan keessaa isa tokko.namonni baay'een sababa dhibee kanan miidhama jiru keessattu da'immaanii fi durbartoota ulfaa irratti bayyee muldhata. Sababoota hanqina dhiigaa fidan: 1 Hanqina Ayiranii 2 Hanqina vitaamiini B_12 3 Hanqina Fooliik Asiidii 4 Dhukkuba Kaansarii garagara irraa Mallattoolle dhukkubichaa '''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''' *Lafti Naman nanna'uu *Gurratti nama iyyuu *Ijaan lafa arguu dadhabu (namatti dimimisuu) * Dadhabbii garmalee *Hafurrii addaan ci...

Dhugaalee Fedhii Walqunnamtii Saalaa (Horniness) Waan Beekuu Qabnu.

Image
 🌹 Dhugaalee  Fedhii Walqunnamtii Saalaa (Horniness) Waan Beekuu Qabnu. Fedhiin walqunnamtii saalaa uumamaa namaati; hammina ykn cubbuu miti.  Nama bultii ijaare keessatti, hiriyyaa siif hawwii fi fedhii qabu qabaachuun eebba guddaadha.  Wanti fedhii walqunnamtii saalaa hir'isu keessaa inni guddaan walitti bu'iinsa fi lola yeroo dheeraadha.  Dhiirota qofaatu fedhii walqunnamtii saalaa cimaa qaba jechuun sirrii miti. Dubartoonnis fedhii kana ni qabu; yeroo baay'ee yeroo hanqaaquun isaanii qophaa'u (ovulation) fedhiin isaanii ni dabala.  Dhiironni hedduun ganama fedhii walqunnamtii saalaa waliin dammaqu. Walhubannoo fi mariin gaariin haala kana keessatti barbaachisaadha.  Yeroo tokko tokko fedhiin kun baay'atee hojii guyyaa guyyaa irratti xiyyeeffachuun nama rakkisuu danda'a. Kanaaf walqunnamtiin saalaa bultii keessaa karaa sirrii ta'een fedhii kana guuta.  Rakkoon bultii fageenya irraa tokko fedhii walqunnamtii saalaa yeroo barbaadan wal bira jira...

Seenaa Oromoo fi Oromiyaa.

Image
 Seenaa Oromoo fi Oromiyaa ​"Xaaliyaaniin waraana kumaatamaa oliin Itoophiyaa weeraruu dadhabde; milishaan Itoophiyaa tokkichi garuu Room too'ate" jechuun Xaaliyaanii haamlee isaanii cabsaa turan. Gurra shaambal Abbabaa Biqilaa olkaasanii waliin furguuggatan. Oduun addunyaa kanuma ta'e. Yeroo Sh/Abbabaan miila duwwaa aspaaltii irra KM 42.195 kana fiigu "Kun namaa garuu?" Hanga jedhanii ajaa'ibsiifatanittis ga'an. ​Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Olompika Room kanarratti hirmaattee Meedaaliyaa Warqee Sh/Abbabaa Biqilaa argamsiiseen addunyaarraa sadarkaa 22ffaa baate. Olompika kana irratti injifatee gara biyyaatti yoo deebi'us Sh/Abbabaaf simannaa guddaatu ta'e. Itoophiyaa guutuun burraaqee keessi isaanii ifaan guutame. Gochaa Xaaliyaaniitu keessa isaanii jira waan ta'eef injifannoo lammataa argatan. Hayila Sillaaseenis gammadee kabajjaa guddaan Sh/Abbabaa simate. Bara H/Sillaasee keessa Afaan Oromoon sirbuu miti dubbachuunuu gad qabaan ture. W...

Faayidaalee Kaarootiin qabu:

Image
 Faayidaalee Kaarootiin qabu: ******** **** Kaarootiin fayyaa ilma namaaf wantoota barbaachisan keessaa isa tokko. Innis of-keessaa qabiyyee hedduu kan fayyaa qaama keenyaaf barbaachisan kan akka 'alpha & beta carotene' vaayitaminoota, albuudota garagaraa fi kompaawundoota biroo of keessaa waan qabuuf kaaroota yoo kan argannu ta'e guyyaa guyyaan soorata soorattan keessa galchuun faayidaa hedduu argattuu. Isaan keessaa muraasni:- 1. Dandettii dhibee dandamachuu/madinuummaa qaama keenyaa ni dabalaa 2. Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaaraa 3. Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuu fi rakkoolee ulfaatina garmalee ta'e waliin walqabatanii dhufan nurraa qolataa 4. Hammi sukkaara qaama keenya keessa jiru madaalawaa akka ta'uu fi nama dhukkuba sukkaaraa qabuuf immoo nyaata gorfaman keessaa isa tokkoo 5. Rakkoolee onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabatan kan akka dhukkuba onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa fi kkf nurraa ittisa 6. Sirna bullaa'insaa ny...

​🩺 Dhibee Kintaarotii (Hemorrhoids): Mallattoolee, Sababoota fi Yaala Isaa

Image
 ​🩺 Dhibee Kintaarotii (Hemorrhoids): Mallattoolee, Sababoota fi Yaala Isaa ​Dhibeen kintaarotii rakkoo fayyaa beekamaa fi namoota hedduu mudatu keessaa isa tokko. Barreeffama kana keessatti, mallattoolee isaa, sababoota isaa, akkasumas mala ittisaa fi yaala isaa gabaabinaan ilaalla. ​⚠️ Mallattoolee Kintaarotii ​Namni dhibee kintaarotii qabu mallattoolee armaan gadii argisiisuu danda'a: ​Dhukkubbii: Yeroo baay'ee naannoo munnee (hudduu) irratti dhukkubbii cimaa. ​Hooksisuu fi gubuu: Naannoo munnee irratti gubaa ykn hooksiisa. ​Dhiita’uu: Naannoo munnee ykn buubbuu irratti dhiitoon uumamuu. ​Dhiiguu: Yeroo sagaaraa bahu dhiigni dhiiguu danda'a. ​📊 Sadarkaa Dhiitoo Kintaarotii ​Kintaarotii sadarkaa afurtti qooduu dandeenya: ​Sadarkaa 1: Meeshadhaan (scope) malee ijaan hin mul'atu. ​Sadarkaa 2: Yeroo sagaaraa bahu gadi baha, ofumaan garuu ol deebi'a. ​Sadarkaa 3: Yeroo gadi ba'u harkaan ol deebisuun dirqama ta'a. ​Sadarkaa 4: Ol deebi'uu hin danda'u,...

Tetanasiin Maali?

Image
 Tetanasiin Maali? ​Tetanasiin dhibee infeekshinii baakteeriyaa biyyee ykn biyyoo keessatti argamuun dhufudha. Baakteeriyaan kun karaa madaa, madaa gogaa, ykn uraa garaa gogaa keessa seenee qaama hubata. Infeekshiniin kun sirna narvii fi sammuu keenya miidhuudhaan maashaalee qaamaa kan gogsu/dirirsu ta'a. ​Mallattoolee Isaa ​Mallattooleen tetanasii yeroo baayyee akkaataa armaan gadiitiin mul'atu: ​Maashaalee: Qoonqoo fi mormaa goguu (kan akka afaan banuun nama rakkisu). ​Dhukkubbii: Maashaalee qaamaa hunda irratti dhukkubbii cimaa. ​Qaamaa: Dafqisiisuu, dhahannaa onnee dabaluu, fi hoo'a qaamaa. ​Hammaachuu: Yoo dhibeewwan kun hammaatan, hargansuuf rakkachuu, liqimsuu dadhabuu, fi qaamni garmalee diriiree goguu (Spasm). ​Yaaddoo: Yoo yeroon yaalamuu baate, lubbuu darbuutti illee geessisuu danda'a. ​Talaallii Tetanasiin (Tetanus Toxoid - TT) ​Talaalliin kun gorsa fayyaa fi ittisa dhibee kanaaf murteessaa dha. ​Dubartoota Ulfaa: Talaalliin kun haadhaafis ta'e daa'i...

Dhukkuba Garaachaa (Madaa'uu Mar'immaanii): Wantoota Beekuu Qabdan

Image
 Dhukkuba Garaachaa (Madaa'uu Mar'immaanii): Wantoota Beekuu Qabdan ​Dhukkubni garaachaa (Peptic Ulcer Disease) madaa'uu garaachaa fi kutaa mar'ummaan keenyaa gara olii yeroo ta'u, rakkoo fayyaa biyyoota guddachaa jiran keessatti haalaan dabalaa jiruudha. Haa ta'u malee, yaalaafi of-eeggannoo sirrii yoo ta'eef, torbee 6 hanga 8 keessatti fayyuun ni danda'ama. ​Maaltu Dhukkuba Garaachaa Fida? ​Dhukkubni kun sababoota gurguddoo lamaan dhufa: ​Baakteriyaa: Baakteriyaa H. pylori jedhamu. ​Qorichoota: Fayyadama qorichoota 'NSAIDS' jedhaman (kanneen dhukkubbii hir'isuuf gargaaran). ​Mallattoolee Namatti Mul'atan ​Namni dhukkuba kanaan qabame tokko mallattoolee armaan gadii agarsiisuu danda'a: ​Dhukkubbii fi gubaa garaa gara olii. ​Nyaata erga nyaatanii booda dhukkubbii hammaachuu ykn itti wayyaa'uu (gosa dhukkubichaa irratti hundaa'ee). ​Nyaanni akka hin bullaa'in itti dhaga'amuu. ​Fedhii nyaataa hir'isuu. ​Akkuma waan h...

Ulfaa'uu koo akkamiin dafee beekuu danda'a?

Image
 Ulfaa'uu koo akkamiin dafee beekuu danda'a? ​Dubartiin tokko ulfa qabaachuu ishii beekuuf karaa salphaa fi si'ataa ta'een manumatti of qoruu dandeessi. Meeshaan 'Pregnancy Test' jedhamu faarmaasii ykn dukkaana qorichaatii gatii salphaan argamu, bu'aa sirrii ta'e %99 ol kennuuf gargaara. ​Akkamiin fayyadamuu qabda? ​Qorannoo kana sirritti raawwachuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii hordofi: ​Bitachuu: Meeshaa qorannoo ulfaa (Pregnancy test kit) faarmaasii irraa bitadhu. ​Fincaan: Fincaan kee qodaa qulqullina qabu keessatti walitti qabadhu. ​Cuuphuu: Meeshaa qorannoo sana fiixee isaa irraa banuun, gara mallattoon inni itti agarsiifame hanga iddoo murtaa'eetti (tuqaa jiru) fincaan keessa cuuphi. ​Tursiisuu: Daqiiqaa 5 hanga 10f fincaan keessa tursiisi. ​Mirkaneeffachuu: Meeshicha keessa baasii bu'aa isaa ilaali. ​Hubannoo Bu'aa Qorannichaa: ​Sararri tokko qofti yoo muldhate: Ulfi hin jiru jechuudha. ​Sararri lama yoo muldhate: Ulfi jira jechuudha. ...

Eenyutu Dura Fedhii Saalaa Baha? (Garaagarummaa Uumamaa)

Image
 Eenyutu Dura Fedhii Saalaa Baha? (Garaagarummaa Uumamaa) ​Akka qorannoon saayinsii fayyaa agarsiisutti, yeroon dhiironni fi dubartoonni fedhii saalaa dhumaa (orgasm) itti gahan garaagarummaa uumamaa qaba. ​Garaagarummaa Yeroo ​Dhiirota: Walqunnamtii saalaa erga jalqabanii giddu-galeessaan daqiiqaa 5 hanga 7 keessatti fedhii isaanii xumuru. ​Dubartoota: Fedhii saalaa dhumaa irra gahuuf giddu-galeessaan daqiiqaa 10 hanga 20 fudhata. ​Garaagarummaan kun waan uumamaa ta'eef, dubartoota keessaa dhibbeentaan 70% hanga 80% ta'an, walqunnamtii saalaa kallattii qofaan fedhii isaanii dhumaa gahuu hin danda'an. ​Akkamitti Gammachuu Waliinii Uumuun Danda'ama? ​Garaagarummaa yeroo kana gidduu jiru fooyyessuuf, gammachuu waliinii uumuun jireenya gaa'elaatiif baay'ee murteessaadha. Kanaaf: ​Foreplay (Qaama Wal Ho'isuu): Walqunnamtii saalaa dura qaama kakaasuuf (foreplay) yeroo gahaa kennuun barbaachisaadha. Kun dubartoonni gara fedhii saalaa dhumaatti akka dhihaatan garga...

Cirracha_Kalee: Waan Beekuu Qabdan.

Image
 Cirracha_Kalee: Waan Beekuu Qabdan ​Cirrachi kalee kuufama albuudoota jajjaboo (minerals) yoo ta’u, wantootni fincaan keessa jiran garmalee walitti qabamuu isaaniitiin kan uumamu dha. ​🔹 Sababoota (Maal Irraa Dhufu Danda'a?) ​Bishaan gahaa dhuguu dhabuu: Qaamni bishaan yoo dhabe, albuudonni fincaan keessatti walitti kuufamu. ​Nyaata: Soogidda baay’isuu, sukkaaraa fi pirootiinii beeyladaa (foon, qurxummii, hanqaaquu) yeroo baay’ee nyaachuu. ​Furdina qaamaa: Furdinni garmalee ta'e carraa cirrachi itti uumamu ni dabala. ​Dhibee biroo: Riihii (Gout), dhukkuba sukkaaraa, rakkoo kalee, akkasumas hammi kaalsiyeemii ykn yuuriik asiidii (uric acid) qaama keessatti baay’achuu. ​Qorichoota: Qoricha farra asiidii tokko tokko, akkasumas dabalata vitaamin C ykn kaalsiyeemii garmalee fudhachuu. ​Gosa dhiigaa/Maatii: Maatii keessa namni cirracha kalee qabuu yoo jiraate, carraan sitti darbuu ni jiraata. ​🔹 Mallattoolee Cirracha Kalee ​Dhukkubbii cimaa: Dhukkubbii dugdaa ykn cinaachaa (kan ga...

Walqunnamtii Saalaa Odoo Raawwataa Jirtuu Namni Yoo Sitti Dhufee Adda Kutte Rakkoo Ni Qabaa?

Image
 Walqunnamtii Saalaa Odoo Raawwataa Jirtuu Namni Yoo Sitti Dhufee Adda Kutte Rakkoo Ni Qabaa? ​Dhiirti tokko yeroo walqunnamtii saalaa raawwatu, sababa tasaa kan akka namni itti dhufuu ykn wanti tasaa mudatuun osoo hin dhangalaasiin (ejaculate) addaan kutuun mudachuu danda'a. Gaaffii namoonni yeroo baay'ee gaafatan kana ilaalchisee yaada kanaa gadii hubannoo qabaadhaa. ​Rakkoo Fayyaa Qaamaa ​Yeroo ispermiin dhangala’uuf qophaa’ee jiru keessatti walqunnamtiin addaan cite yoo ta'e, rakkoo fayyaa cimaa qaama irraan gahu hin qabu. ​Xuuxamuu: Ispermiin sun yeroo baay'ee qaamaan deebi’ee xuuxxama. ​Halkan Abjuu: Yeroo tokko tokko qaama keessatti hafuu danda'a; kunis miidhaa hin fidu. Yeroo muraasa booda halkan abjuu (wet dreams) miira walqunnamtii saalaa keessa seentee dhangala’uu danda’a. ​Of Qulqulleessuu: Qaamni waan ofiin of qulqulleessuuf, osoo walqunnamtiin saalaa hin xumuramin addaan citee hafuun rakkoo fayyaa cimaa hin fidu; qaamni ofiin of to’achuu fi qulqulleess...

MATA-DUREE: DHUKKUBA CIIRRACHA KALEE (RENAL STONE)

Image
 MATA-DUREE: DHUKKUBA CIIRRACHA KALEE (RENAL STONE) ​Biyya keenyatti dhukkuboonni kalee hojii ala ta'uu sadarkaa yaaddessaa irra ga'anii jiru. Kanaaf sababa guddaa kan ta'e dhukkuba ciirracha kalee hammam hubattu? Ciirrachi kalee rakkoowwan kalee miidhan keessaa isa ijoo ta'ee, ittisuu fi yaaluun salphaatti danda'amuudha. ​Sababoota Fidan: ​Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu. ​Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta'e (Obesity). ​Rakkoowwan hormoonii qaama keessaa. ​Hanqina Vaayitamin C fi Pootaasiyeemii. ​Soogidda baay'isanii fayyadamuu. ​Nyaata sukkaara baay'isuu. ​Dhukkuboota kalee biroo. ​Dhukkuba sukkaaraa (Diabetes). ​Mallattoolee Isaa: ​Ciirrachi kalee osoo mallattoo tokkollee hin agarsiisin kalee miidhuu danda'a. ​Namoota tokko tokko irratti cinaachaan dhukkubuu fi fincaan keessa dhiiga (diimachuu) mul'achuu danda'a. ​Furmaata: ​Sababoota armaan olii irraa of eeggachuu. ​Yeroo yeroon qorannoo fayyaa gochuu. ​Dhukkubbiin kun yoo sitti dhaga'ame ba...

Fedhii Wal-qunnamtii Saalaa Dhabuu

Image
 Fedhii Wal-qunnamtii Saalaa Dhabuu ​Fedhii wal-qunnamtii saalaa dhabuu jechuun namni tokko saala faallaa wajjin wal-qunnamtii gochuuf kaka’uumsa dhabuu ykn isa duraanii isarra hir’achuu dha. Kunis dhiiraa fi dubartoota irratti mul'achuu danda'a. ​Sababoota Fedhii Dhabuu: ​Rakkoowwan qaamaa: Dhukkuba sukkaaraa, onnee, kalee, dhiibbaa dhiigaa, fi kansariiwwan garaagaraa. ​Jeequmsa hormoonii: Akka taayiroyidii fi pirolaktinii. ​Rakkoowwan xiin-sammuu: Dhiphina garmalee (stress), mukaa'ummaa, fi rakkoowwan hariiroo keessatti muudatan. ​Gufuuwwan biroo: Sochii qaamaa dhabuu, araada (tamboo, alkoolii), fi qorichoota mana yaalaa tokko tokko. ​2. Afaan Ingiliffaa: Loss of Libido (Low Sexual Desire) ​Low sexual desire refers to a lack of motivation or a decrease in the interest an individual previously had in engaging in sexual activity with their partner. This can affect both men and women. ​Causes of Low Libido: ​Physical conditions: Kidney disease, various cancers, chronic pain,...

Ulfa Gadaameessaan Alaa (Ectopic Pregnancy)

Image
 Ulfa Gadaameessaan Alaa (Ectopic Pregnancy) ​Sadarkaa uumamuu dhala namaa keessatti, sanyiin kormaa (sperm) fi hanqaaquun dhalaa ujummoo ovaarii keessatti wal arganii walitti dabalamu. Micireen uumame kun gadaameessa keessa seenuun guddachuu eegala. Yeroo tokko tokko garuu, micireen kun gadaameessa keessatti maxxanuu dhiisee, gadaameessaan ala bakka biraatti maxxana. Haalli kun "Ulfa Gadaameessaan Alaa" jedhamee waamama. ​Mallattoolee: Laguun dhaabbachuu, dhukkubbii garaa gadii kan gama tokkoon cimaa, fi dhiiguu karaa gadaameessaa. ​2. Afaan Ingiliffaa: Ectopic Pregnancy ​In the process of human reproduction, the sperm and the egg meet and fertilize within the fallopian tube. The resulting embryo then travels to the uterus to implant and grow. Sometimes, the embryo implants outside the uterus, typically in the fallopian tube, ovary, or abdominal cavity. This condition is known as an "Ectopic Pregnancy." ​Symptoms: Missed period, severe abdominal pain (often on one ...

Faayidaa Fayyaa Qurunfulii fi Loomii.

Image
 Faayidaa Fayyaa Qurunfulii fi Loomii ​Qurunfulii fi Loomii: Qoricha Uumamaa Mana Keessanii ​Loomiin qabiyyee vaayitaamin C ol’aanaa fi dandeettii ittisa qaamaa guddisuun beekama. Qurunfuliin immoo antioxidants fi anti-inflammatory baay’ee qaba. Yeroo walitti makaman, faayidaan isaanii dachaa ta’uudhaan bullaa’insa nyaataa fooyyessu, qaama summii irraa qulqulleessu, akkasumas ilbiisota ofirraa ittisuuf gargaara. ​Faayidaa Waliigalaa: ​Qilleensa Qulqulleessuu: Urgaa cimaa eugenol (qurunfulii keessatti argamu) fayyadamuun qilleensa mana keessanii qulqulleessuu fi awwaannisa ofirraa ittisuu danda’a. ​Dhugaatii Detox (Qaama Qulqulleessuu): ​Ittifayyadama: Loomii 1 (muraa), qurunfulii 20, bishaan burcuqqoo 1, damma faldhaana 1. ​Qajeelfama: Hundumaa blender keessatti daakii, erga calallee booda damma itti dabaluun dhugaa. Kun bullaa’insa nyaataa fi fayyaa waliigalaa ni fooyyessa. ​Fayyidaa Rifeensaaf (Qurunfulii fi Shunkurtii): ​Shunkurtiin sulfur waan qabuuf rifeensa cima, qurunfuliin ...

Umuriin Garmalee Wal Caaluun Jireenya Ni Jeeqaa? (Extreme Age Gap)Does a Significant Age Gap Affect Relationships? (The Truth Behind "Extreme Age Gaps")

Image
 Umuriin Garmalee Wal Caaluun Jireenya Ni Jeeqaa? (Extreme Age Gap) ​Dhimma kanarratti hubannaan saayinsii fi qorannoo irratti hundaa'e maal akka fakkaatu ilaaluun barbaachisaadha. Hawaasa keenya dabalatee biyyoota addunyaa mara biratti, namoonni wal fuudhan umuriin walitti dhiyaachuun isaanii kan barameefi itti fufiinsa qabuudha. Haala wal-gitiin baratame keessatti, dhiirri dubara waggaa muraasaan isaa xiqqoo taate fuudhudha. Tarii garaagarummaan umuriin waggaa 10 ykn isaa olis ta'uu mala. ​Haata'u malee, waa'ee garaagarummaa umurii dhiirsaa fi niitii irratti taatewwan nama dinqisiisan hedduutu jiru. Fakkeenyaaf, prezidaantiin biyya Faransaay, haadha warraa waggaa 25 isaan caaltu fuudhuun isaanii kan beekamuudha. Isaan waliin waggoota 17 oliif tasgabbiidhaan jiraataniiru. ​Namoota baay'ee wal jaalatan biratti, umuriin lakkoofsa ta'uu bira darbee hiika guddaa hin qabu. Sirumaayyuu, dhiironni tokko tokko dubartii umuriin isaan caaltu jaalatu. Akka qorannoowwan to...

Fedhii Walqunnamtii Saalaa Dubartootaa: Rakkoowwan Mudachuu Danda’anii fi Furmaata Isaa

Image
 Fedhii Walqunnamtii Saalaa Dubartootaa: Rakkoowwan Mudachuu Danda’anii fi Furmaata Isaa ​Seensa Walqunnamtiin saalaa fayyaa fi gamoo jireenyaa keessatti gahee olaanaa qaba. Haata’u malee, dubartoota hedduu biratti 'fedhii bahuu dadhabuun' (female orgasmic disorder) rakkoo fayyaa xiin-sammuu fi qaamaa ta'ee mul'ata. Rakkoon kun dhiphina, hir'ina ofitti amanamummaa fi walitti bu'iinsa hiriyaa waliin akka uumamu gochuu danda'a. ​Mallattoo fi Sababoota Rakkoon kun yoo ji’a jahaa ol itti fufe fi jireenya guyyuu keessatti dhiphina kan fide ta’e qofa akka rakkoo fayyaatti fudhatama. Sababoonni isaa gurguddoon: ​Sababoota Xiin-sammuu: Dhiphina (stress), miira of-qabuu, fi muuxannoo gadhee kanaan duraa (fakkeenyaaf yakka walqunnamtii saalaa). ​Sababoota Qaamaa: Qorichoota dhiphinaa fi sammuu irratti dhiibbaa geessisan fayyadamuu, akkasumas dhukkuboota qaamaa garaagaraa. ​Sababoota Jireenyaa: Beekumsa walqunnamtii saalaa irratti hir'ina qabaachuu fi wal-qunnamtii...

Dhukkuba Garaachaa (Peptic Ulcer Disease) Maali? Mallattoolee, Sababaa fi Yaala Isaa.

Image
 Dhukkuba Garaachaa (Peptic Ulcer Disease) Maali? Mallattoolee, Sababaa fi Yaala Isaa ​Dhukkubni garaachaa ykn madaa'uun mar'immaanii (Peptic ulcer disease) madaa'uu garaachaafi kutaa mar'immaanii keenya isa gara olii kan ta'e yeroo ta'u, biyyoota guddachaa jiran keessatti haalaan dabalaa jira. Madaa'uun kun, yoo yaala sirrii fi of eeggannoo gaariin godhameef, torbee 6 hanga 8 gidduutti fayyuun ni danda'ama. ​Sababoota Gurguddoo: ​Baakteriyaa H. pylori jedhamuun qabamuu. ​Qorichoota dhukkubbii hir'isan (keessattuu NSAIDS) fayyadamuu. ​Mallattoolee Isaa: ​Dhukkubbii gubaa garaa gara olii. ​Nyaata erga nyaannee booda dhukkubbiin hammaachuu ykn itti wayyaa'uu (gosa dhukkubicharratti hundaa'ee). ​Miira nyaanni bullaa'uu diduu. ​Fedhiin nyaataa hir'isuu. ​Haqqisiisuu ykn haqqisaa qabaachuu. ​Yeroo garaan duwwaa ta'utti ykn yeroo beela'an dhukkubbiin hammaachuu. ​Of Eeggannoo fi Jireenya Gaarii: ​Nyaata mi'eessituun (spicy) itti...