Seenaa Oromoo fi Oromiyaa.

 Seenaa Oromoo fi Oromiyaa


​"Xaaliyaaniin waraana kumaatamaa oliin Itoophiyaa weeraruu dadhabde; milishaan Itoophiyaa tokkichi garuu Room too'ate" jechuun Xaaliyaanii haamlee isaanii cabsaa turan. Gurra shaambal Abbabaa Biqilaa olkaasanii waliin furguuggatan. Oduun addunyaa kanuma ta'e. Yeroo Sh/Abbabaan miila duwwaa aspaaltii irra KM 42.195 kana fiigu "Kun namaa garuu?" Hanga jedhanii ajaa'ibsiifatanittis ga'an.

​Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Olompika Room kanarratti hirmaattee Meedaaliyaa Warqee Sh/Abbabaa Biqilaa argamsiiseen addunyaarraa sadarkaa 22ffaa baate. Olompika kana irratti injifatee gara biyyaatti yoo deebi'us Sh/Abbabaaf simannaa guddaatu ta'e. Itoophiyaa guutuun burraaqee keessi isaanii ifaan guutame. Gochaa Xaaliyaaniitu keessa isaanii jira waan ta'eef injifannoo lammataa argatan. Hayila Sillaaseenis gammadee kabajjaa guddaan Sh/Abbabaa simate. Bara H/Sillaasee keessa Afaan Oromoon sirbuu miti dubbachuunuu gad qabaan ture. Weellistoota Oromoo lubbuusaanii kennanii sirban kan akka Birraatuu Lammaa fa'i yoo ta'e malee. Guyyaa Sh/Abbabaan injifannoon gale kana garuu, ummatni Finfinnee guutuun Afaan Oromoo fi Amaaraa wal keessa makuun sirbanii ittiin leellisan "Ohoo ya shaggituu (2) Abbabaa Biqilaa Yaagabaashaal Xilaahun Gassasaa Yaadirishaal" jechuun gammachuu ibsatan.

​Artist Xilaahuun Gassasaa yerichas yoomis baay'ee beekkamaa fi kabajamaa ilma Oromoo waan ta'eef, kabajaa Sh/Abbabaa fi Artisti Tlaahuunii qaban ibsuuf akkasiin sirbaniif.

​Shaambal Abbabaa Biqilaa 1960 Olompikii Room irratti

​"Shaambal Abbabaa Biqilaa erga simannaan ta'eef booda kaampii leenjiitti deebi'ee leenjii fi shaakala isaa itti fufe. Kanumaan osoo jiranuu bara 1952 H/Sillaaseen yeroo biyya Biraaziil daawwachuuf imalu Garmaamee Niwaay fi Mangistuu Niwaay Obboleewwan lamaan fonqolchaaf mootii H/Sillaasee irratti yaalii taasisan. Milkaa'uu baatanis ministeerota olaanaa H/Sillaasee hedduu miidhanii jiru. H/Sillaaseenis saffisaan ofirra deebi'ee namoota hedduu irratti tarkaanfii gurguddaa fudhate. Garmaamee fi Mangistuus hidhuu fi du'atu laatameef. Hoomaan Waraanaa garagaraa fi namoonni shakkaman hedduun mana hidhaatti guurraman. Shaambal Abbabaa Biqilaanis Kibur Zabanyaa keessa waan jiruuf, shakkamee carraan mana hidhaa galuu isa qaqqabde. Ta'uu malee, turtii booda gartuun hundi isaanii sakatta'amuun Sh/Abbabaan hojii sana keessatti hirmaatee waan hin jirreef bilisa ba'e. Yeroo kana booda amma dandeettii isaa shaakala cimsachaa dhufe. Biyyoota adda addaa irrattis dorgommii hirmaachuu itti fufe. Waggaa afraffaa olompikaa Roomitti, ammas bara 1964 A.L.A. gara Jaappan imaluun magaalaa Tookiyoo irratti yeroo 2ffaaf Sh/Abbabaa Biqilaan maaratoonii sa'aatii 2:12:11.2n xumuruun riikardii isaa hiyeessa Xaaliyaan Room irratti qabu cabsee addunyaa ajaa'ibsiise.

​Dorgommii kanarratti Meedaaliyaa Warqii Sh/Abbabaan argamsiiseen biyyi Itoophiyaa addunyaa irraa 25ffaa baate. Shaambal Abbabaan fiigicha maaraatoonii qofa osoo hin taane, fiigicha KM adda addaa yeroo adda addaatti biyyoota akka Ispeen, Beeljiyeem, Jaarman, Jaappan, Kooriyaa Kibbaa fi k.k.f.tti fiigee dorgommiiwwan hedduu moo'ateera. Yeroo Room irratti fiige lakk. 11, Tookiyoo irratti ammoo lakk. 17 uffatee ture. Bara 1968 A.L.A.ttis yeroo sadaffaaf Maaratoonii Olompikii 16ffaa fiiguuf gara Meeksikoo, magaalaa Meeksikoo Siitii imale. Fiigicha akka eegalaniinis Shaambal Abbabaan fuulduratti aanee sadarkaa 2ffaarra ture. Haa ta'u malee, KM 15 akka fiigeen miilli isaa jala waan miliqeef addaan kutee bahuuf dirqame. Yeroo addaan kutee bahuuf jedhu kana suuta jedhee atileet Maammoo Waldeetti hiiqee, "Biyya keenya hin salphisin, maqaa hin balleessin, anaaf gamtee" jecha jedhu qofa dubbatee addaan kutee bahe. Gootichi yeroo dirqama qabdu, jaalala biyyaaf, imimmaan jaalalaa, biyyaadhaf adaraa hiriyaasaatti dhaammate. Atileet Maammoo Waldees adaraa hiriyaasaa fi biyyasaa galmaan gahuuf dhiinnatee xiiqiin fiiguun 1ffaa ba'e. Biyyasaafis seenaa galmeesse. Sa'aatii 2:26.2n moo'ate. Atileetotni biyyoota biroo Shaambal Abbabaa eegaa turan.

​Akka seenaa addunyaatti hanga har'aatti biyyi Maaratoonii Olompikii tartiibaan yeroo sadii walitti aanseetan injifachuun Warqee argatte Itoophiyaa qofa. Shaambal Abbabaa Biqilaa bara (1960, 1964) A.L.A., Maammoo Waldee ammoo bara (1968) A.L.A.tti moo'achuun maqaa biyyasaanii addunyaa irratti ol kaasan. Seenaa ta'ee hanga har'aattillee kan hafee fi addunyaan illee biyya Itoophiyaa atileetiksii irratti kan ittiin yaadatu, Shaambal Abbabaa Biqilaa, Room irratti miila duwwaa fiigee Maaraatoonii injifachuu isaati. Riikardiin inni cabse, yeroo ammaa atileetota garagaraan fooyya'eera. Haa ta'u malee, hanga har'aallee riikardiin isaa miila duwwaan fiigamee cabuu hin dandeenye. Cabsuu miti, gara fuulduraattillee fiiganii xumuruu akka hin dandeenye beektonni ispoortii garagaraa ni dubbatu. Barruu garee qorannoo Waajjira Aadaa fi Turizimii Aanaa Jiddaa (2010:20) dubbii (IAAF) wabeeffachuun yoo ibsan:

"Abebe Bikila (1932-1973 G.C), Ethiopian track and field athlete, who won two Olympic gold medals in the marathon. The marathon at the 1960 Olympic Games in Rome, Italy was only Bikila's third race at this distance, but he set a new world best time of 2 hours 15 minutes 16.2 seconds and also attracted attention by running the race barefoot (the designation world best is used instead of record because marathon courses differ greatly and a comparison of finish times is difficult)"

​Jechuun ciminni Sh/Abbabaa addunyaaf akka ta'e ibse. Shaambal Abbabaan erga imala moo'annaa kanneen gonfatee booda shaakala isaa cinaatti ummata Oromoothaafis jireenya isaanii mijeessuu keessatti hirmaachuu jalqabe. Misooma biyyasaa guddisuuf qabsoo cimaa taasise. Daandii magaalaa Shanootii kaasee hanga Abbichuu Jaatotti jirus hojjachiise. Haala kanaan osoo sosochii adda addaarra jiruu Shaambal Abbabaa bara 1961 kan hin yaadamne isa mudate. Gooticha sabaa, goota addunyaarratti maqaa biyyaa olkaase. Shaambal Abbabaa Biqilaa miidhama cimaatu isa mudate. Qaamni isaa guutuun sochiin ala ta'e. Akka ta'eenis ta'u gootichi miidhame. Hulaan miidhama isaa kanarratti hanga har'aatti yaadolee garagaraatu jira. Gareen tokko konkolaatuu rukute jedhu. Gareen tokko ammoo diinni isaa ykn nama inni wal lolee jiruunituu eeggatee humnaan qaama isaa hojiin ala godhu waraane jedhu. Gareen tokko ammoo bara 1961 yeroo warraaqsi barattootaa (students revolution) miidhamee adeemuu isa dhoorke jedhu. Kana booda bara 1965 dhibee sammuu (cerebral haemorrhage), kan balaa konkolaataa sanaan walqabateen addunyaa kanarraa baqate jedhu. Dhaabbanni Atileetiksii addunyaa ammoo (IAAF) Abbabaa Biqilaa balaa konkolaataan du'e, jeeksise. Kanas ta'u sun, gootichi Oromoo addunyaarraatti raajii hojjate, xaxaanis xaxamu bara 1961 miidhaa cimaaf saaxilame. Qaamotni isaa hunduu hojjachuu didan.

​Biyya alaatti ergamee akka yaalamu ta'us naafachuu qaamaa (paralyzed) ta'uu irraa hin hafne. Erga miidhamee booda biyya Ingiliizii Loondoonittis faranjiin tokko leenjii qaama miidhamtootaa (Para Olympic) leenjisuun dorgommii Wiilsheerii fi darbannaa garagaraas kaa'urra darbee barreessitoota hedduufis wabii fi ka'umsa ta'ee jira. Sababa maxxansa kitaaba kanaanis yeroo sana dhiibbaan adda addaa irra ture.

​Ogeessi aartii, Yaaddessaa Zawugaan ammoo, Alaabaa Gamtaa Afrikaa nama hojjate, ogeessa cimaa dacheen Dandii sanyii warra Horaaf laatteedha. Akkasumas dhiheenya kana "Agarsiisa pirojektii" namoota shiraan Oromiyaarratti du'an 327 maqaa, suuraa, bakka itti ajjeefaman waliin galmeessee seenaa haquummaaf kaa'eera. Waraana dur lafa babal'ifannaaf wal waraanaa turan keessatti, abaabayyuu Zawugaa Horaa Ginnoof murteen murteeffamtee Shawaa Lixaa naannawa Amboo, Walisoo, Galaan fa'i dursummaan hoogganaa ture. Horaan duunaan hooggansi Asaquuf laatamte. Asaquun duunaan Booji'aan fudhate. Obbo Booji'aan naannoo Abeebee Qeerransaa balabbaatummaan bulchaa turee bara 1944 yoo boqatu, ilmisaa Zawugaan immoo irraa fudhate. Zawugaan goota haqaaf du'u. Sabasaaf hojjachuuf homaa ofitti hin qusatu. Jireenya isaa keessatti hojiiwwan gurguddaa fi bu'uura ta'an sabasaaf hojjachaa jiraate. Sirna Hayilasillaasee nama nyaataa waa'een Oromootaa akka hin kaane fedhu sana keessatti sodaa tokko malee eenyummaa sabasaaf mormaa, dhukkubsachaa ture. Nama beekaa hawaasa isaatiif jaalala, tokkummaa, hojii hojjachuu kan labsuu fi nama wal lola immoo yoosuma rakkoo tokko malee walitti araarsuun beekama" jedhu. Akkasumas "Nama wal ajjeeses gumaan fixachiisuun nageenya hawaasaa buusuu keessatti shoora olaanaa taphatee jira," jedhu. Kunis ta'u sun, gaariin Oromootaa ormaaf diina ta'ee, ija dhiiga uffachiisuun hin hafne.

​Dargiin fuula gara isaa garagalfatee qe'een nama guddaa, qe'een jiidha uffattee calleenyi tasgabbaa'aan irraa boboli'u, ho'atti jijjiiramtee ibiddi irraa laboobuu eegale. Sii magan! Sababni dargiin kana godheef kaayyoo gurguddoo lamaaf ture. Inni duraa Oromoota bebbeekoo ta'an, isaan mormuun aangoo isaarratti dhiibbaa fiduu danda'u, jedhee shakku of jalaa kaasee yaaddoo malee jiraachuu yoo ta'u, inni lammataa ammoo, meeshaa Oromoota mara irraa hiiksisee, akka isaan waan ittiin socho'an hin arganne, akka isaan bosona galanii hin qabsoofne, kanneen isaan wal'aansoo qabsoo gochuu danda'an, immoo mana hidhaatti galchee kaanis ajjeesee bituun, aangoo turtummaa isaa shakkii malee mijeeffachuu ture.

​Abubakar Muussaa fi k.k.f. hedduu wabii jijjiirrama biyyattii kan ta'an, goototatti biyyee rafe. Muhaammad (2007:223) yoo ibsu, Mootummaan Dargii, mirga namummaa kan Oromootni kaasan diillalleessuuf jecha, Oromoota sabboonaa ta'an, daddammaqina kan qabaniifi barnoota kan qaban, akkasumas aartistoota Afaan Oromootiin sirbanirratti roorroofi yakka kana hin jedhamne hojjatee jira. Badii takka malee, sababa Oromoo ta'uusaanif qofa, Oromoof quuqamuu isaaniif qofa, sirba Afaan Oromoo sirbuu isaaniitiif qofa, gaaffii mirgaa kaasuu isaaniif qofa, Afaan Oromoo dubbachuu isaaniitiif qofa, hedduun Oromootaa mana hidhaatti darbataman, dhaanaman. Doraa isaanii quuncisan. Bishaan baarmeelitti guutanii keessatti cuuphuudhaan cinqan. Qaama isaanii laamshessan. Sammuu hadoochan. Gaaffii walqixxummaa sabaa gaafachuu isaaniitiifi cunqursaa irra gahu balaleeffachuu isaaniitiif qofa Oromootni hedduun dararaman. Karaa harka jalaatiniifi ifaa ifatti Oromoon qabeenya akka hin horanne, kan qabateellee akka deegu taasisan. Hedduu Oromootaa biyyaa ari'an, irra caalaan isaanii dhoksaan ukkaamamanii ajjeefaman. Kaan guyyaa adiin ajjeesanii reeffa isaanii hallayyaatti gatan.

​Dargiin yeroo jalqaba aangoo qabatu, ummataaf kan yaadu fakkaatee, lafti kan ummataati. Dimokiraasiin dagaaguu qaba. Mirgi walqixxummaa eegamuu qaba. Olaantummaan saba kamuu hin jiru. Walqixxummaan jiraatu, jechuun irra keessa hanga teessoo mimmijeeffatutti afaaniin labsaa, seenaa gadhee keessa isaan hojjatee darbe. Keessumattuu xiyyeeffannaan isaa Oromoota mataa cabsuu kan ta'e, barasaa keessa kan firri jalaa hin duune tokko hin jiru. Afaan Oromoon dubbachuu isaanii qofaaf, mirga isaanii gaafachuu qofaaf, waa'ee Oromoo fi Afaan Oromoo yaaduu isaanii qofaaf goototni hedduun kumaan lakkaawaman Faashistii Dargiin duguugamanii jiru.

​Baroota hedduu turan keessatti mootummooleen biyya bulchan, Oromoof tolanii fi gaarii yaadan tokkollee hin jiran jechuun ni danda'ama. Ilma abbaa Gadaa ilma gaaddisa isaa jalatti bulu, gaaddisa isaa irraa fonqolchanii, hacuuccaa fi dhiittaan bulchuuf tattaafataa turan. Qe'een ofii abbaadhumaan toltii, bara 2010 gaafa ilmi Abbaa Gadaa dhiiga qeerroon aangoo argatu biyyi hafuura baafachuu fi mana hidhaatii gad dhiifamuu eegale. Sunis hinaaffaa taatee shira hattoota fi warra shororkeessitoota ummata nagaan jedhan, isaanuma shororkeessitootaan qindaa'ee qe'een Oromootaa kallattii adda addaan nagaa dhabee ture. Seenichis ilmaan Oromoon jijjiirramee hattoota saalfachiisuun hin hafu.

​Kanneen akka Dr. Hayilee Fidaa (Abbaa Qubee Afaan Oromoo), Qees Guddinaa Tumsaa (1979), Baaroo Tumsaa (Ilmaan haadha takkaa), Ambootti aanee weerarri Dargii 1968 qe'ee Zawugaa Booji'aa irratti ture. Loltootasaa konkolaataa afur guutee gara Gaatiroo Jaaw qe'ee Zawugaatti Guraandhala 8, 1968 erge. Obbo Zawugaa fi maatiin isaa taa'anii raadiyoo dhaggeeffatu turan. Haadha manaa Zawugaa, aadde Tasfaayee Allabbaa, ijoollee isaanii Asiraat Zawugaa (waggaa 13), Solomoon Zawugaa (waggaa 18) fi maatiisaanii kan ta'e, obbo Maammoo Deebisaa ta'anii osoo jiran, dhukaasni alaa mana isaanirratti roobuu eegale.

​"Hin duutu, waliin ajjeesnee waliin duuna" jechuutiin Zawugaa waliin waraana Dargiitti dhukaasuu eegale. Gootota qe'ee Abeebee Qerransaa kanneen mandarri isaanii baay'ee addaan hiixuu miti. Daandii guddaan Finfinnee ka'ee, gara Amboo imalu, asfaaltiin gidduu manasaanii addaan saaqee darba. Manni isaan lachuutuu daandii gubbaarradha.

​Zawugaan rasaasa alaa roobu ibidda keessa taa'ee ofiisaa onnee ho'ifatee, akka harka kennatee hin duune murteessee, aadde Tasfaayee Allabbaan "Lubbuu ijoollee oolchi. Siifan harka kennadha" jechuun ajaje. Jireenya fi du'a gidduu, qalbii yaada lamaan guutamte, ciniinsuu guddaan haati dhiiraa Tasfaayee Allabbaan ijoollee ishee qabattee obbo Maammoo waliin loltootatti gad ba'an. Yaaddoo fi ciniinsuu bakka lamaa, deemuuf qalbiin du'a abbaa manaashee duubaaf rarraati. Dhiisuuf lubbuu ijoollee xixinnoo dhiigasheetu harkashee jira.

​Mul'ataan (Abbaan Jigsaa) goota walirratti du'uun miidhagina jedhu, dhartuu fi shirtuu ija gad qabachiisaa kan tureedha. Jabana Xaaliyaanii Kaabaa Itoophiyaa Maacootti duulee lolee lolchiisaa kan ture keessaa isa tokkoodha. Har'as yeroo qe'ee obbo Zawugaa irraa ibiddi rasaasaa laboobu, balbala cufatee lubbuu isaa oolchuu hin feene. Inni qe'ee Zawugaa ga'e boru qe'ee isaas akka hin hanqanne baree wareegama tokkummaa filate. Hanga har'aattillee Mul'ataa Badhaanee...

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"