Dhukkuba TIIBII (Daranyoo Sombaa)
Dhukkuba TIIBII (Daranyoo Sombaa) 👉Daranyoon sombaa(Tiibiin) dhukkuba daddarboo baakteriyaa maayikobaakteriyam tuuberkuloosis jedhamun dhufuudha 👉Baakteriyaan kun baay'inaan somba kan miidhu ta'us qaama hundayyuu miidhuu danda'a 👉Namoonni miliyoona 10(10,000,000) ta'an waggaatti dhukkuba kanaan ni qabamu 👉Dhukkubni kun hafuuran yeroo qufa'an,haxxiffatanii fi haasa'an nama irraa namatti darba 🔹Mallattoolee Dhukkuba Tiibii 👉Qakkee(qufaa) torban lamaa ol namarra turu 👉Akkitaan dhiiga makuu 👉Hir'ina qaamaa(ulfaatina) 👉Fedhii nyaataa dhabuu 👉Qaama nama gubuu(hoo'isuu) fi hurgufuu 👉Nama dafqisiisuu(keessattuu haalkan) 👉Waraansa laphee 🔹Wantoota Dhukkuba Tiibiif Nama saaxilan 1.Dhukkuba HIV/AIDS 2.Tamboo/sigaaraa xuuxuu 3.Alkoolii fo qoricha sammuu nama hadoochu fayyadamuu 4.Dhukkhba sukkaaraa,Dhukkuba kalee 5.Haala diinagdee fi hawaasummaa 6.Hanqina nyaataaf saaxilamuu 7.Kaansariin qabamuu 8.Namoonni hedduun iddoo tokkotti walitti qabamuu(mana hi...