DHUNGOO (KISSING).
DHUNGOO (KISSING).
○•••••••••••••••••••○••••••••••••••••••••○
■ Wal dhudhungachuun yookiin kissing gochuun wal qunnamtii saalaa caalaa walitti nama dhiyeessa, walitti nama hidha. Miira addaa keessa nama galcha, addunyaa kana miiraan nu daawwachiisa. Dhungoon jaalalleewwan akka magneetitti walitti hidha. Namni wal jaallatu lama jaalallee walii ta'uu kan beeksisan wal dhungachuuni, kissing raawwachuuni. Wal quunnamtiin saalaa kan dhufu kissing booda. Kissingin wal quunnamtii caalaa kabajamaadha.
Fakkeenyaaf shamarri mana bunaa hojjattu tokko sex yoo si faana raawwatte hidhii ishee garuu tole jettee si jala hin qabdu. Hidhiin kan nama jaallatanii qofa. Maallaqaan hin bitamu.
■ Dhiirri tokko yeroo kissing godhu jaalallee isaa ciniinuu danda'a; Isheenis ciniinuu dandeessi. Isheen yeroo kissing gootu ati itti toluu baannan walitti dhufeenya keessan addaan kutuu dandeessu; Innis itti toluu baannan jaalalli keessan laafuu danda'a. Haa ta'u malee namni kissing gadameessa haadha isaa keessatti baree gadi ba'u hin jiru. Dandeetti shaakalaan kan fooyya'uu danda'uudha. Ammuma irra deddebitee baay'istee kissing gootu ogummaa isaa horachaa deemta.
■ Ogummaa kissing gochuu horachuuf dirqama inni dubartii baay'ee waliin, isheen dhiira gara garaa waliin kissing gochuun hin eegamu. Ofumaa wal barsiisuun ni danda'ama tooftaalee kissing garaagaraa fayyadamuudhaan jechuudha. Ati kissing gochuuf hin baastu yoo taate, isheen immoo baay'ee hin beektu yoo taate ishee tuffachuu fi gadi qaqqabuun sirra hin jiraatu, barsiisuu qabda. Ati kissing sirritti kan beektu yoo taate fi inni reefu kan jalqabu yoo taate isa tuffachuun sirra hin jiraatu akkuma keetti isas qari. Yoo immoo isin lachuu hin beektan taatan fiilmii garagaraa daawwachaa ogumma kissing kana guddifachuun ni danda'ama. Waliin barachuun jaalala keessan jabeessa.
■ Hidhiin keenya baattoo narvii garaagaraati; Sababiin yeroo kissing goonu miirri keenya kan nutti kaka'uuf waan narviiwwan kun miira keenya kakasaniifi. Dhiirri tokko yeroon kissing godhu intalittiin natti hin tolle jedhee wal quunnamtii saalaa gochuurraa duubatti hin jedhu; Dubartoonni garuu kissingin kee itti toluu baannan sex si diduu danda'u. Kanaaf callistee hidhii isheetti hin fiigin. Dura muxannoo isaa qabaachuu kee adda baafadhu. Kissing mi'eessuf foolii fi hafuura afaan keenya keessaa ba'u sirreeffachuun murteessadha.
□••••••••••••••••□•••••••••••••••••••••□
Waan Dubbistaniif Galatoomaa,

Comments
Post a Comment