Posts

KULKULUU GOGAA/Atopic Dermatitis.

Image
 KULKULUU GOGAA/Atopic Dermatitis ******** * Kulkuluun gogaa ykn dhukkubni alarjii gogaa daa’imman fi ijoollee keessatti yeroo baay’ee mul’atu keessaa isa tokko dha. Dhukkubni kun daa’imman keessaa %10–30 irratti mul’achuu danda’a. Yeroo baay’ee daa’imman keessatti jalqabee hanga yeroo umrii ga’eessaatti turuu danda’a. Akkasumas dhaalaan maatii irraa darbuu mala. Umrii itti jalqabu Dhukkubni kulkuluu gogaa yeroo adda addaa keessatti jalqabu danda’a: Daa’imman umrii baatii 12 gadi – %50 Ijoollee umrii waggaa 1–5 – %80 Dhukkuboota waliin mul’atan Namni tokko kulkuluu gogaa qaba yoo ta’e yeroo baay’ee dhukkuboota armaan gadiis qabaachuu danda’a: Alarjii gogaa Alarjii nyaataa Alarjii funyaan (allergic rhinitis) Xiichaa/Asmii (Asthma) Sababoota kulkuluu gogaa Sababni alarjii gogaa yeroo baay’ee walxaxaa dha. Garuu wantoonni armaan gadi dhukkuba kana kakaasuu danda’u. 1. Nyaata Aannan Killee Loozi Firii mukaa Baqelaa Qamadii Qurxummi 2. Wantoota qilleensa keessaa Dhukkee (dust) Pollen ab...

MIIDHAA WALQUNNAMTII SAALAA BAAYYISUU .

Image
 MIIDHAA WALQUNNAMTII SAALAA  BAAYYISUU  ===================================== Fayyaa walqunnamtii saalaa eeguun fayyaa guutuu eeguu yoo ta’u, daangaa fi of eeggannoon baay’ee barbaachisaadha. Walqunnamtii saalaa baay'isuun nama baayyee waliin taasisuun, keessattuu yoo of eeggannoon hin taasifamne, rakkoo fayyaa garaagaraa fiduu danda’a. Rakkoolee sababa kanaan dhufan keessaa inni jalqabaa dhukkuboota daddarboo karaa saalaa daddarban (STIs) akka HIV/AIDS, copxoo, fanxoo, fi dhukkkuba abbaa seeruu dabalatee babal’isuudha. Dhukkuboonni kunniin qaama saalaa miidhuu fi jireenya guutuu irratti miidhaa cimaa geessisuu danda’u. Kana malees, walqunnamtii saalaa baay’isuun fayyaa sammuu fi miira irratti dhiibbaa fida. Namni tokko yeroo baay’ee walqunnamtii saalaa gochuun dhiphina sammuu, yaaddoo, fi miira gaddaa keessa seenuu mala, keessumaa yoo walitti dhufeenyi miira fi amanamummaa hin jiraanne. Namoonni muraasni gocha kananatti harka kennanii miira ofii too’achuu dadhaburraa ka...

HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA)

Image
 HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA) ** Hanqinni dhiigaa dhukkuba yeroo ammaa garmalee dabalan keessaa isa tokko.namonni baay'een sababa dhibee kanan miidhama jiru keessattu da'immaanii fi durbartoota ulfaa irratti bayyee muldhata. Sababoota hanqina dhiigaa fidan: 1 Hanqina Ayiranii 2 Hanqina vitaamiini B_12 3 Hanqina Fooliik Asiidii 4 Dhukkuba Kaansarii garagara irraa Mallattoolle dhukkubichaa '''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''' *Lafti Naman nanna'uu *Gurratti nama iyyuu *Ijaan lafa arguu dadhabu (namatti dimimisuu) * Dadhabbii garmalee *Hafurrii addaan ci...

Dhugaalee Fedhii Walqunnamtii Saalaa (Horniness) Waan Beekuu Qabnu.

Image
 ðŸŒ¹ Dhugaalee  Fedhii Walqunnamtii Saalaa (Horniness) Waan Beekuu Qabnu. Fedhiin walqunnamtii saalaa uumamaa namaati; hammina ykn cubbuu miti.  Nama bultii ijaare keessatti, hiriyyaa siif hawwii fi fedhii qabu qabaachuun eebba guddaadha.  Wanti fedhii walqunnamtii saalaa hir'isu keessaa inni guddaan walitti bu'iinsa fi lola yeroo dheeraadha.  Dhiirota qofaatu fedhii walqunnamtii saalaa cimaa qaba jechuun sirrii miti. Dubartoonnis fedhii kana ni qabu; yeroo baay'ee yeroo hanqaaquun isaanii qophaa'u (ovulation) fedhiin isaanii ni dabala.  Dhiironni hedduun ganama fedhii walqunnamtii saalaa waliin dammaqu. Walhubannoo fi mariin gaariin haala kana keessatti barbaachisaadha.  Yeroo tokko tokko fedhiin kun baay'atee hojii guyyaa guyyaa irratti xiyyeeffachuun nama rakkisuu danda'a. Kanaaf walqunnamtiin saalaa bultii keessaa karaa sirrii ta'een fedhii kana guuta.  Rakkoon bultii fageenya irraa tokko fedhii walqunnamtii saalaa yeroo barbaadan wal bira jira...

Seenaa Oromoo fi Oromiyaa.

Image
 Seenaa Oromoo fi Oromiyaa ​"Xaaliyaaniin waraana kumaatamaa oliin Itoophiyaa weeraruu dadhabde; milishaan Itoophiyaa tokkichi garuu Room too'ate" jechuun Xaaliyaanii haamlee isaanii cabsaa turan. Gurra shaambal Abbabaa Biqilaa olkaasanii waliin furguuggatan. Oduun addunyaa kanuma ta'e. Yeroo Sh/Abbabaan miila duwwaa aspaaltii irra KM 42.195 kana fiigu "Kun namaa garuu?" Hanga jedhanii ajaa'ibsiifatanittis ga'an. ​Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Olompika Room kanarratti hirmaattee Meedaaliyaa Warqee Sh/Abbabaa Biqilaa argamsiiseen addunyaarraa sadarkaa 22ffaa baate. Olompika kana irratti injifatee gara biyyaatti yoo deebi'us Sh/Abbabaaf simannaa guddaatu ta'e. Itoophiyaa guutuun burraaqee keessi isaanii ifaan guutame. Gochaa Xaaliyaaniitu keessa isaanii jira waan ta'eef injifannoo lammataa argatan. Hayila Sillaaseenis gammadee kabajjaa guddaan Sh/Abbabaa simate. Bara H/Sillaasee keessa Afaan Oromoon sirbuu miti dubbachuunuu gad qabaan ture. W...

Faayidaalee Kaarootiin qabu:

Image
 Faayidaalee Kaarootiin qabu: ******** **** Kaarootiin fayyaa ilma namaaf wantoota barbaachisan keessaa isa tokko. Innis of-keessaa qabiyyee hedduu kan fayyaa qaama keenyaaf barbaachisan kan akka 'alpha & beta carotene' vaayitaminoota, albuudota garagaraa fi kompaawundoota biroo of keessaa waan qabuuf kaaroota yoo kan argannu ta'e guyyaa guyyaan soorata soorattan keessa galchuun faayidaa hedduu argattuu. Isaan keessaa muraasni:- 1. Dandettii dhibee dandamachuu/madinuummaa qaama keenyaa ni dabalaa 2. Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaaraa 3. Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuu fi rakkoolee ulfaatina garmalee ta'e waliin walqabatanii dhufan nurraa qolataa 4. Hammi sukkaara qaama keenya keessa jiru madaalawaa akka ta'uu fi nama dhukkuba sukkaaraa qabuuf immoo nyaata gorfaman keessaa isa tokkoo 5. Rakkoolee onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabatan kan akka dhukkuba onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa fi kkf nurraa ittisa 6. Sirna bullaa'insaa ny...