Faayidaalee Kaarootiin qabu:

 Faayidaalee Kaarootiin qabu:


********
****
Kaarootiin fayyaa ilma namaaf wantoota barbaachisan keessaa isa tokko. Innis of-keessaa qabiyyee hedduu kan fayyaa qaama keenyaaf barbaachisan kan akka 'alpha & beta carotene' vaayitaminoota, albuudota garagaraa fi kompaawundoota biroo of keessaa waan qabuuf kaaroota yoo kan argannu ta'e guyyaa guyyaan soorata soorattan keessa galchuun faayidaa hedduu argattuu. Isaan keessaa muraasni:-

1. Dandettii dhibee dandamachuu/madinuummaa qaama keenyaa ni dabalaa
2. Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaaraa
3. Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuu fi rakkoolee ulfaatina garmalee ta'e waliin walqabatanii dhufan nurraa qolataa
4. Hammi sukkaara qaama keenya keessa jiru madaalawaa akka ta'uu fi nama dhukkuba sukkaaraa qabuuf immoo nyaata gorfaman keessaa isa tokkoo
5. Rakkoolee onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabatan kan akka dhukkuba onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa fi kkf nurraa ittisa
6. Sirna bullaa'insaa nyaataa akka si'aa'uuf ni tola
7. Dhibee Kaanseerii garagaraa kan akka kaanseerii dhiigaa, sombaa, mar'imman furdaa fi kkf ni ittisaa
8. Fayyummaa lafee fi gogaa keenyaaf ni tolaa
9. Madaan(wound)dafee akka fayyuuf ni gargaaraa

Hubachiisa: Qorannoon garagaraa akka ibsutti kaarootii dheedhii isaa nyaachuun faayidaa armaan olitti jenne kanneen caalatti argachuu dandeenya jedha, kanaaf isinis osoo dheedhii isaa nyaattanii gaariidha, garuu qulqullinna isaa sirriitti eeguu qabdu ykn sirriitti dhiquu qabdu.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"