Posts

Showing posts from June, 2026

𝐐𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐒𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐚'𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮

Image
 ❝𝐐𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐒𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐚'𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮                   ✅ Sababoota Walii galaa 1. Rakkoolee xiinsammuu wajjin wal qabatan kanneen akka: Yaaddoo ykn dhiphina sammuu, Rakkoo hariiroo jaalalaa, Hojjachuuf sodaan kan nu keessa jiru yoo ta'e.   2. Rakkoolee jireenya wajjin wal qabatan kanneen akka: Dadhabbii, hirriba dhabuu, Alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu, Tamboo xuuxuu, Sochii qaamaa gochuu dhabuu yoo kan qabaannu ta'e.    3. Dhukkuboota kanneen akka: Dhibee sukkaaraa, Dhiibbaa dhiigaa ykn dhukkuba onnee, Madaallii hormooniin testosterone keenyaa gadi aanaa yoo ta'e, rakkoon narvii ykn ujummoo dhiigaa wajjin wal qabatu yoo jiraate.    4. Qorichootni kanneen akka: dhiphina sammuu, farra dhiibbaa dhiigaa fi kkf tokko tokko humna qaama saalaa dhiiraa hir’isuu danda’u. Maal gochuu qabna? ✅ Dhiphina hir'isuu fi hirriba gahaa rafuu ✅ Sochii qaamaa ye...

Faayida vaayitamin C

Image
 Faayida vaayitamin C  Vitamin C, ascorbic acid jedhamuunis kan beekamu, soorata barbaachisaa faayidaa fayyaa hedduu qabuudha: 1. Ittisa qaamaa ni guddisa: Oomishaa fi hojii seelii dhiiga adii ni guddisa, qaamni keenya infekshinii akka lolu gargaara. 2. Amala Antioxidant: Seelonni miidhaa free radicals irraan gahu irraa kan eegu yoo ta'u, carraa dhukkuboota yeroo dheeraaf saaxilamuu hir'isa. 3. Fayyaa Gogaa Fooyyessa: Omisha kolaajiinii ni jajjabeessa, elastiiksii gogaa eeguuf, qinxirii hir'isuu fi madaa fayyisuuf gargaara. 4. Xuuxuu Sibiilaa ni guddisa: Nyaata biqiltoota irratti hundaa’e irraa ayireniin heemii hin taane akka xuuxamu ni fooyyessa, hanqina ayirenii ni ittisa. 5. Fayyaa Onnee ni deeggara: Dhiibbaa dhiigaa gadi buusuufi carraa dhukkuba onnee hir'isuuf gargaara. 6. Balaa Dhukkuboota Yeroo Dheeraa Hir’isa: Carraa haalawwan akka kaansarii fi dhukkuboota niwuroodegenereeshinii qabamuu hir’isuu danda’a. 7. Fayyaa Ijaaf: Carraa dhukkuba ijaa fi umurii wajjin wal...

Haati ulfaa ji'a 6 booda dugdaan cisuun dhorkaadha.

Image
 Haati ulfaa ji'a 6 booda dugdaan cisuun dhorkaadha. *** ** JI'a 6 booda akkuma beekamu gadameessi daa'ima baatu wayita guddachaa deemuu ujummoo gurguddaan dhiigaa kan karaa garaa keessa oliif gadi darbu wayita dugdaan ciisan waan cufuuf hammi dhiigaa gara onnee fi akkasumas gara daa'imaa deemuu ni hir'ata. Wayita kana mallattooleen haadha ulfaa kana irratti mul'atan; gar-malee dafquu,ballaqqamuu,mataan itti salpachuu ,onneen garmalee dha'achuu ykn rukkutuu,of wallaaluuf kkfn dha. Akkasumas hammi dhiigaa gara daa'imaa deemus waan hir'atuuf daa'imnis miidhamuu ni danda'a. Kanaaf wayita dugdaan ciisan yoo mallatton kun itti dhagaa'ame atattamaan gara cinaacha bitaa isaaniitti yoo deebi'an daqiiqaa 5_10 gidduutti furmaata argatu. *** Fayyaan Faaya

HIRRIBAAN DEEMUU (Ka'umsa, miidhaa inni geessisuu fi yaala)

Image
 HIRRIBAAN DEEMUU (Ka'umsa, miidhaa inni geessisuu fi yaala) ****** ☆Hirriba keessa deemuun keessumattuu ijoolllee umriin ganna 3 -7 keessatti taatee beekamaa dha. ☆Namootni haga 15% ta'an rakkoo hirribaa dammaqanii, ija banatanii, oljedhanii taa'uun deebi'anii rafuu haga irraa kaasee haga ka'anii deeemuun gochoota wal-xaxoo ta'an garagaraa keessatti hirmaachuu ga'u ni qabaatu jedhamee tilmaama. ☆Yeroo baayyee ijoolleen umriin isaanii dabalaa gaafa deeman wanti kun hafaa kan deemu ta'us darbe darbee namoota gurguddaa keesattillee ni mul'ata. MALLATTOO ***** ● Yeroo baayyee erga rafanii booda saatii 2 fi 3 gidduutti; yeroo namni hirriba guddaa keessa jiru nama mudata. Guyyaa guyyaan, torbeetti ykn waaggaattilee kan namatti dhufuu danada'u yoo ta'u, halkan tokkotti al lama sadii illee deddeebi'uu danda'a. ● Namootni dhibee kana qaban rafiitii keessa ka'anii ija banachuu, ol jedhanii taa'u. Yoo itti haasa'an garuu namaaf hin ...

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Image
 Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf): ================================= Yeroo walqunnamtiin saalaa raawwatamu dhiirri fedhii hin baane hin jiru. Dhiirri tokko qaamni saalaa isaa erga dhaabbateen booda dhangalaase jennaan fedhii ba'eera jechuudha. Dubartiin tokko jaalalleen/dhirsi ishii akka sirritti ishii jaalatu, ishii mi'eeffatee yeruma hunda akka ishiin barbaaddu akka inni ta'uuf yoo barbaadde yeroo walqunnamtii saalaa raawwatamu isa gammachiisuu dandeessi. Maal gootee gammachiifti? 1. Waa'ee Walqunnamtii saalaa itti odeessuu : Yeroo dubartiin waa'ee Walqunnamtii saalaa itti haasoftu fedhiin dhiiraa ni dabala. Qaamni saalaa isaa bakka #rafee_jiruu_dammaqa. Kanaaf dubartiin tokko callisteetuma uffata ofirraa guurtee kennuufiin dura oduun murteessadha 2. Akka garaa isaa ta'uu : Walqunnamtii saalaa amma ta'etti, erga barbaaddee dhaqxe akka inni si godhe ta'uufi qabda. Yeroo raawwatamu akka inni ibsaa ibsu eeyyamiifi. Qaama kee, harma kee, boroo(tees...

Garaa qullaa walqunnamtii saalaa godhuun nama huqqisa.

Image
 Garaa qullaa walqunnamtii saalaa godhuun nama huqqisa... ******** **** Namni tokko baayyee yoo huqqatu ykn qal'atu dhukkuboota adda addaatiif salphatti saaxilamuu danda'u. Sababoota Huqqachuu: 1. Beela. 2. Dhiphina ykn yaaddoo baayyisuu. 3. Hirriiba dhabuu. 4. Ashaboo fi nyaata dhangaggaayaa baayyisuu. 5. Qunnamtii saalaa baayyisuu. 6. Sochii qaamaa humnaa ol gochuu. 7. Lafa gammoojjii goggogaa qilleensa gogaa fi dhukkee qabu keessa jiraachuu. 8. Qaamni namaa qorra cimaa yoo qabaate. 9. Garaa beelaatiin hujii humnaa hojjachuu, spoortii hojjachuu, fi qunnamtii saalaa raawwachuu. Konkolaatan boba'aa malee deemu hin danda'u, namnis akkasuma. Kanaaf yeroo walqunnamtii saalaa kajeeltan waanuma bichuu ishee illee nyaachuu qabdu.💧 Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

DHIBEE SAAYINASII (sinusitis)

Image
 DHIBEE SAAYINASII (sinusitis) =================================== •Dhibeen Saayinasii(sinusitis) iddoon banaan lafee keessatti argamu kan qilleensaan guutamee   naannawa funyaaniitti argamuu kan saayinasii jedhamu (sinuses) yeroo kulkulfatu(inflammation) dhibee nama dhufuudha. - Fuularra naannawa funyaaniitti(addaa/ forehead ,ija ,lafee funyaanii fi mallaa) iddooleen banaan kun (sinuses) afur ni argamu. Isaaniis kana keessa qilleensa fi dhangala'aan rifeensa xixiqqaan gargaaramuun bilisaan keessa yaa'uun boodarra karaa funyaanii baha .yeroo fayyaatti dhangala'aan kun achi keessaatti hin kuufamu jechuudha. Sababa garagaraatiin qaawni kun yeroo cufamu fi sochiin rifeensa xixiqqaa (cilia) yeroo gufatu dhangalaan kun achi keeysatti kuufamuudhaan baakteeriyaa fi jarmiilee birootiif haala mijeessuun mallattooleen dhukkubichaa mul'achuuf nama saaxila. - dhukkubni kun yeroo hedduu ofumaan kan fayyu yoo tahu dhukkuubbii naannawa funyaanii fi ijaatti kan nama dhagayamsiisuudha. ...

🍋 MAANGOO FI 🧠 FAYYUMMAA ISAA.

Image
 🍋 MAANGOO FI 🧠 FAYYUMMAA ISAA Maangoon #gooftaa_kuduraa jedhamuun waamama warreen adiin biratti. ✅ Faayidaalee maangoo fayyaa keenyaaf kennu keessaa muraasni: 1️⃣ 🩺 Kolestiroolii qaama keessaa ni xiqqeessa. 2️⃣ 🧴 Gogaa qaama keenyaa cufame banuun fayyaa fi miidhaginaaf tola. 🔸 Haala itti fayyadamaa: 📌 Gogaa maangoo quncifnee gogaa qaama keenyaa irra dibuu. 📌 Daqiiqaa 10 booda dhiqachuu. 3️⃣ 🍑 Maangoon vitamin E’n badhaadhe waan ta’eef, namoota fedhii saalaa gadi bu’an ni gargaara. 4️⃣ 🩸 Hir’ina dhiigaa nurraa qolata – dubartoota ulfaafis ni fayyada. 5️⃣ ⚖️ Ulfaatina qaamaa ol-kaasuuf ni gargaara – maangoo bilchaataa tokko 75 kcal qaba. 6️⃣ 👁️ Maangoon ciccitaan tokko Vitamin A 25% nuuf guuta – ijaaf gaarii dha. 7️⃣ 🧠 Hamma waa yaadachuu keenya ni dabala. 8️⃣ 🔥 Gubiinsa qaamaa nurraa ittisa. 9️⃣ 🥱 Daakamuu dhabuu nurraa ittisa. 🔟 💉 Dhibee sukkaaraa irratti: insulin hir’isuu irratti ni gargaara. 🔸 Haala itti fayyadamaa: 🌿 Baala maangoo xiqqoo danfisuu 🌙 Halkan guut...

Seenaa Barnoota Fayyaa Dubnisaa

Image
 Osoo istetooskooppiin (meeshaan dhahannaa onnee ittiin dhaggeeffatan) hin kalaqamin dura, Akkuma suuraa gadii irratti agartan kanatti, doktooronni gurra isaanii kallattiin qoma dhukkubsataa irra kaa'un dhahannaa onnee dhaggeeffatu turan. Akkaataan kunis 'dhaggeeffannaa kallattii' (immediate auscultation) jedhamuun beekama. Bara 1816tti, doktoorri biyya Faransaay Rene Layenek (René Laënnec) jedhamu, haala kanaan dubartii dargaggeettii tokko qoratuuf gurra isaa laphee ishiitirra kaa'ee miira keessa gale; kunis sababa yeroo sanitti gochi kun akka waan naamusaan alaatti ykn akka waan qaanyiitti ilaalamuufi. Furmaata biraa barbaaduu eegalee, waraqaa bifa ujummootiin maruudhaan yemmuu fayyadamu, sagaleen onnee daran guddatee akka dhaga'amu hubate. Goc ha salphaa sanatu kalaqa istetooskooppii isa jalqabaatiif karaa saaqe. Layenek boodarra ujummoo muka irraa hojjetame qopheesse; kunis bu'uura istetooskooppii ammayyaa ogeeyyiin fayyaa har'a itti fayyadamaniiti. Kala...

Faayidaa Zeeytuunaa (Guava

Image
 Faayidaa Zeeytuunaa (Guava ) Zeeytuunan midhaan nyaataaf, qorichaaf, fi faayidaalee fayyaa hedduuf beekama. Qaama guutuu isaa irraa faayidaa argachuun ni danda’ama—biqiltuu, baala, fi mudhii isaa dabalatee. Faayidaaleen isaa akka armaan gadiitti ibsamaniru: 1. Vitamin C’n Badhaadhe – Zeeytuunan vitamin C gahaa of keessaa qaba. Kunis dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuuf qabu guddisuu fi gogaa fayyaa qabu dagaagsuu keessatti gargaara. 2. Madda Faayibaraa Guddicha – Faayibara nyaataa baay’ee waan qabuuf, bullaa’insa nyaataa ni fooyyessa, qufaa fi rakkoo dafee goguu ni ittisa. 3. Antioxidants Waliin Badhaadhe – Antioxidants akka lycopene fi beta-carotene of keessaa qaba. Isaanis carraa dhukkuboota yeroo dheeraa hir’isuuf fi free radicals ofirraa ittisuuf gargaara. 4. Dhiibbaa Dhiigaa To’ata – Pootaasiyeemiin keessa jiru dhiibbaa dhiigaa to’achuuf gargaara, onnee fayyaa qabaachuufis ni fayyada. 5. Bullaa’insa Nyaataa Ni Fooyyessa – Faayibara waan qabuuf, bullaa’insi nyaataa sirr...

Walqunnamtii saalaa mi'awaa raawwachuuf

Image
 Walqunnamtii saalaa mi'awaa raawwachuuf ; ********* 1. Jalqaba irratti wal qunnamtii saalaa ga'aa raawwachuuf ilma namaatif ispoortii bashannanuufi kkf murteessa dha. 2. Ija keessaa wal ilaaluun fedhii walii beekuu.  3. Uffata halkanii uffachuu dhiisuu fi ibsaa dhaamsu dhiisuun wal qunnamtii saalaa mi'eessa.  4. Ija keessa wal ilaalaa harkaan rifeensa walii qaqqabuu fi wal dhungachuu.  5. Qulqulleessituu ykn gogsituu of bira kaa'un gogsuu fi naannoo qaama saalaa dhiqachuu. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Akkuma meeshaa dhiiraatti, meeshaan dubartootaa sun yeroo dhiira argan ni kaati

Image
 Akkuma meeshaa dhiiraatti, meeshaan dubartootaa sun yeroo dhiira argan ni kaati . Kunis yeroo isaan dhiira kajeelan ykn dhiira laalan akka meeshaa meeshaa dhiiraatti kaatif. Yeroo kaatu kanatti kilitooriniifii hidhiin gama bitaafii mirgaatin jiran dhiigan guutamtee waan dhaabbattuuf ni iitoyti/ni bokoyti. Yeroo kana miirri dhukkubbiitis itti dhagayamuu danda'a. Yeroo miira keessa galanii dhiira kajeelan/laalan kanatti akkuma warra dhiirotaa ofirratti dhangalaasuu danda'u. Hirmaannaa keessaniif galatoomaa! fayyaa dayaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

AKKAMITTI MARSAA LAGUU OSOO HIN ARGIN ULFA TA’UUN DANDA’AMAA?

Image
 AKKAMITTI MARSAA LAGUU OSOO HIN ARGIN ULFA TA’UUN DANDA’AMAA? *************** Dubarri tokko tasuma osoo laguu hin argin yookin erga laguu dhabbataadha yookin yeroo isaa eegee hin dhufneen ulfaa’uu dandeessii?  EYYEE! Haalota armaan gadi lamaan ilaalaa: 1.Dubarri umuriin ishee wal-hormaataf gahe tokko osoo tasuma marsaa laguu jalqabaa ishee hin argin ulfaa’uu ni dandeessi. Kunis sababni isaas marsaan laguu kan dhufu erga hanqaaquun dubaraa xannacha ovarii jedhamu irraa gadi dhiifamtee guyyoota 10-14 booda. Kanaafis dubarri kun gadi lakkifamuu hanqaaquu fi jalqabuu marsaa laguu jidduu guyyoota (10-14) jiran kana keessatti yoo walqunnamtii saalaa goote osoo laguu hin argin ulfaa’uu dandeessi. Hanqaaquu fi sanyiin dhiiraa wal argannaan fertilayizeshiniin umamuudhan laguun ni hafa. 2. Haaluma wal fakkaatun dubaarri laguu argaa turtee jidduudhan sababa garaagaraa armaan olitti eerren laguun ishee bades akkasuma osoo deebitee laguu hin argin ulfa taatee argamuu dandeessi. Kunis duba...

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!

Image
 Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru! Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru. Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama. Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama. Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasu...

Yoo Qaamni Saalaa Dubartii Qaama Saalaa Dhiiraa Qabee Irratti Didee Gadi Lakkisuu Dide Waan Godhuu Qabdan!

Image
 Yo o qaamni saalaa dubartii qaama saalaa dhiiraa qabee gad lakkisuu dide waan godhuu qabdan... ******** Namootni lama walquunnamtii saalaa godhanii erga raawwatan booda qaamni saalaa isaanii wal gadhiisuu (walittii ba’uu dide) oduu jedhu dhageessanii beektuu? Tarii waanti akkasii yoo isin mudate;- *Hunda dura haalli keessa jirtan waanta hamaa ykn yeroo dheeraa fudhatu akka hin taane of yaadachiisuun gaariidha. *Dhiphachuu / nahuun akka maashaan ishee hin diriirfanne gochuun taatee kana ni hammeessa . *Sosocho’uu fi humnaan keessaa baasuf yaaluun dhukkubbii qaama saalaa lamaan irraan gahuu irra darbee rakkoo qaamni ofii tarsa’uu ykn cabuu keessa nama galchuu danda’a. Waanti kun nama kamuu mudachuu kan danda'udha. * Yeroo baayyee maashaan ishee daqiiqaa kudhanii gaditti waan diriirfatuuf  ofumaan kan sirraa’uufi kan miidhaa hinqaqqabsiisne waan ta’eef obsaan yoo eegan utuu gargaarsaaf nama hin waammatin rakkoo kana irraa furamuun ni danda’ama. *Yoo yeroo dheeraa fudhatee fi rak...

Gosa Nyaataa Dhibee Garaachaaf Nyaachuu Danda'an!!

Image
 Gosa Nyaataa dhibee Garaachaaf Nyaachuu Danda'an Karaalee dhukkubbiin garaachaa itti uumamuu danda'u keessaa 1. Baakteeriyaa 2. Dhugaatii alkoolii baay'ee fudhachuu 3. Qorichoota yeroo dheeraaf fudhataman tokko tokko 4. Gosa nyaata nyaannu Qoricha dhukkubbii garaachaa gara buufata fayyaa deemuun argannu malees, nyaata keenya sirreessuun dhukkubbii sana ofirraa baasuuf nu gargaara. * Gosoota nyaata dhukkubsattoonni garaachaa nyaachuu danda'an tokko tokko:- 1. Fuduraalee: Fuduraaleen vitaaminii, fiber fi antioxidants fayyaaf barbaachisoo ta’an waan of keessaa qabuuf sagantaa nyaata guyyaa guyyaa keenya keessatti hammachuun barbaachisaadha. Fuduraaleen akka abaaboo fi harbuu namoota rakkoo garaachaa qabaniif nyaata mijaawaa yoo ta'an, burtukaanni garuu hin gorfamu 2. Kuduraa: Kuduraa gosa adda addaa nyaachuun dhukkubsattoota garaachaaf mijataadha, garuu wantoota akka qullubbi adii fi mi'eessituuwwan adda addaa qophii nyaataa irratti dabalaman fudhachuun hin gorfam...

Gaaffii Walqunnamtii Saalaa booda dubartoonni dafanii fincaanuun ulfa ni ittisaa?

Image
 Gaafii (inbox) Walqunnamtii saalaa booda dubartoonni dafanii fincaa'uun ulfa ni ittisaa? Deebiin isaa walqunnamtii saalaa booda dafanii fincaa'uun carraa dhukkuba infeekshinii ujummoo fincaaniifi kaleetiin qabamuu hanga tokko hir'isuu danda'a malee, ulfaa'uu hin ittisu. Galatoomaa!!!

Walqunnamtii Saalaa Erga Raawwatamee Booda Wantoota Dubartoonni Barbaadan.

Image
 Walqunna mtii saalaa booda wantoota dubartoonni barbaadan: ➲ Dhiira baay'etti Walqunnamtii saalaa dura malee dubartiin Walqunnamtii saalaa booda omaa hin barbaaddu itti fakkaata. Garuu akkuma Walqunnamtii saalan dura gochoonni nuti goonu barbaachisa ta'an gochoonni Walqunnamtii saalaa booda taasisnus Walqunnamtii saalaa san guutuu taasisuu bira darbee Walqunnamtii saalaa itti aanu akka ishiin hawwiin eegdu taasisa. ➲ Jaalala kee ibsiif : Akkuma yeroo kaanii san erga raawwattanii xummurtanii boodas jaalala kee qoodif. Akka ishiin siif nama addaa taate ibsiif. Ati giiftii Walqunnamtii saalati jedhiin. Akka baay'ee itti tolte himiif. Baay'ee mi'oofta jedhiin. ➲ Haammadhu : Erga raawwatteen booda yoo dadhabdeyyuu dugda kee itti naannessuu hin qabdu. Haammadhu. Bobaa kee jalattu ofitti ishii qabi. ➲ Dhungadhu : Dhungoon dura malee booda hin barbaachisu jettee dhiisuu hin qabdu. Kissing godhi, bakka miirawaa hundayyuu dhungadhu. Qaama ishii hundarrayyuu arraba keetin irr...

FEDHII OFIIN OFIRRAA BAASUU/ Ofiin of gammachiisuu:

Image
 FEDHII OFIIN OFIRRAA BAASUU/ Ofiin of gammachiisuu: * Fedhii ofiin of irraa baasun (Seegaan) akka guutuu addunyaattii gocha saala lachuunuu (dhiiranis dubaranis) raawwatamuufi baay'ee beekkamudha. Qorannoon garagaraa akka jedhutti dhiirri dubartii caalaa gocha kana ni fayyadama jedha. Gochi kun yeroo baay'ee akka ilaalcha hawaasa garagaraatti, biyya keenya dabalatee, akkasumas amantii tokko tokko biratti akka wan baay'ee hamaafi cubbuu ta'eetti lakkaawwama. Dabalataanis, miidhaa fayyaa hedduu kan akka ijji baduu, ka'u dhabuu qaama saala dhiiraa, xiqqaachuu qaama saalaa dhiiraa, hir'achuu lakkoofsa sanyii kormaa (sperm), hariiroo gaa'ila boodaa jeequu, dhalchuu dadhabuu ykn dhala dhabuu, miidhaa sammuu fi qaamaa fa'a nama irraan gaha jedhamee yaaddama. Haa ta'u malee, saayinsiin wantoonni kun hundi himtedha (myths) ykn ragaan kan mirkanaa'ee miti jedha. Garuu gochi kun, darbee darbee rakkoolee tokko tokkoof nama saaxiluu danda'a. Isaanis:- 👍...

Faayidaa Zeeyitunaa(Guava)

Image
 Faayidaa Zeeytuunaa (Guava) Zeeytuunan midhaan nyaataaf, qorichaaf, fi faayidaalee fayyaa hedduuf beekama. Qaama guutuu isaa irraa faayidaa argachuun ni danda’ama—biqiltuu, baala, fi mudhii isaa dabalatee. Faayidaaleen isaa akka armaan gadiitti ibsamaniru: 1. Vitamin C’n Badhaadhe – Zeeytuunan vitamin C gahaa of keessaa qaba. Kunis dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuuf qabu guddisuu fi gogaa fayyaa qabu dagaagsuu keessatti gargaara. 2. Madda Faayibaraa Guddicha – Faayibara nyaataa baay’ee waan qabuuf, bullaa’insa nyaataa ni fooyyessa, qufaa fi rakkoo dafee goguu ni ittisa. 3. Antioxidants Waliin Badhaadhe – Antioxidants akka lycopene fi beta-carotene of keessaa qaba. Isaanis carraa dhukkuboota yeroo dheeraa hir’isuuf fi free radicals ofirraa ittisuuf gargaara. 4. Dhiibbaa Dhiigaa To’ata – Pootaasiyeemiin keessa jiru dhiibbaa dhiigaa to’achuuf gargaara, onnee fayyaa qabaachuufis ni fayyada. 5. Bullaa’insa Nyaataa Ni Fooyyessa – Faayibara waan qabuuf, bullaa’insi nyaataa sirri...

Fayyaa Wal Hormaataafi Wal Qunnamtii Saalaa

Image
 Fayyaa Walhormaataa fi Wal Qunnamtii Saalaa: Wanta Beekuu Qabdan ​Wal qunnamtii saalaa fayyaa qabuun kutaa jireenyaa fi fayyaa qaamaa hunda keenyaa ti. Waa'ee fayyaa walhormaataa sirriitti hubachuun dhibee gara garaa ittisuu fi jireenya gaa'elaa keessatti wal hubannoo cimsuuf gargaara. ​1. Fayyaa Walhormaataa Eeggachuu ​Qulqullina qaamaa eeggachuun fayyaa walhormaataa keenyaaf baay'ee murteessaa dha. Kunis: ​Dhibee daddarbaa (STIs) akka HIV/AIDS fi kanneen biroo ittisuuf gargaara. ​Qaama keenya keessaa ilaalcha sirrii ta'e akka qabaannu nu gargaara. ​2. Dhibee Ittisuu (Prevention) ​Wal qunnamtii saalaa fayyaa qabuuf tarkaanfilee armaan gadii fudhachuun barbaachisaa dha: ​Of eeggannoo gochuu: Dhibee fi ulfa hin barbaadamne ittisuuf mala ittisoo (e.g., kondomii) fayyadamuu. ​Qulqullina: Wal qunnamtii booda qaama qulqulleeffachuu. ​Ogeessa mariisisuu: Yoo dhibee tokko shakkitan ykn jijjiirama qaamaa tokko argitan, ogeessa fayyaa bira deemuun tasgabbii fi furmaata argachuu...