Seenaa Barnoota Fayyaa Dubnisaa

 Osoo istetooskooppiin (meeshaan dhahannaa onnee ittiin dhaggeeffatan) hin kalaqamin dura, Akkuma suuraa gadii irratti agartan kanatti, doktooronni gurra isaanii kallattiin qoma dhukkubsataa irra kaa'un dhahannaa onnee dhaggeeffatu turan. Akkaataan kunis 'dhaggeeffannaa kallattii' (immediate auscultation) jedhamuun beekama.


Bara 1816tti, doktoorri biyya Faransaay Rene Layenek (René Laënnec) jedhamu, haala kanaan dubartii dargaggeettii tokko qoratuuf gurra isaa laphee ishiitirra kaa'ee miira keessa gale; kunis sababa yeroo sanitti gochi kun akka waan naamusaan alaatti ykn akka waan qaanyiitti ilaalamuufi.


Furmaata biraa barbaaduu eegalee, waraqaa bifa ujummootiin maruudhaan yemmuu fayyadamu, sagaleen onnee daran guddatee akka dhaga'amu hubate.


Goc


ha salphaa sanatu kalaqa istetooskooppii isa jalqabaatiif karaa saaqe. Layenek boodarra ujummoo muka irraa hojjetame qopheesse; kunis bu'uura istetooskooppii ammayyaa ogeeyyiin fayyaa har'a itti fayyadamaniiti.


Kalaqni kun saayinsii fayyaa guutummaatti jijjiire; sababiin isaas ogeeyyiin fayyaa osoo qaamaan dhukkubsataa kallattiin hin tuqin, sagalee sombaa fi onnee qulqullinaan dhaggeeffachuu danda'an."

Yoom as geenye salphatti!!!


Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"