Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"
"Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"
************
Akka qorannoon garagaraa jedhutti jaalala keessa osoo jiran (osoo wal hin fuudhin) wal irratti deemuun (cheat gochuun) duraan dhiira irratti baay'atus amma garuu ta'umsi isaa walitti dhiyaachaa jiraachuu agarsiisa. Qorannoon kun inumaa dubartoonni umriin isaanii waggaa 18 - 29 ta'an dhiirota caalaa 'cheat' godhu jedha; Akkuma umriin dabalaa deemuun garuu, carraan dubartoonni 'cheat' gochuu isaanii hir'achaa hoggaa deemu; Kan dhiiraa immoo, dabalaa deema jedha. Bultii erga jaaran booda garuu harki caalu jaarsatu jaartii irratti "cheat" godha. Rakkoon kun sababa garagaraatiif kan mudatu hoggaa ta'u, sababni isaa waan fedhes haa ta'uu, mudate jechuun xumura hariiroo keessaniiti jechuu miti. Wanta mudate hundaa iftoominaan waliin mari'achuudhaan rakkoo wanta kanaaf sababa ta'e waliin ta'anii furmaata barbaaduun jaalalti teessan tan duraa caalaa daran akka dabaluu gochuu dandeessu waan ta'eef sababa kanaaf miira taane keessa seentanii rakkoo fayyaa, hawaasummaafii diinaggeetif saaxilamuun hin barbaachisu.
#Gargaarsa_Yoo_Barbaaddan_Ogeessa_Fayyaa_Naannoo_Keessan_Jiru_Qaamaan_Dubbisaa!
Email:mahammeegubbaaqorichaa@gmail.com

Comments
Post a Comment