DHIBEE SAAYINASII (sinusitis)

 DHIBEE SAAYINASII (sinusitis)


===================================
•Dhibeen Saayinasii(sinusitis) iddoon banaan lafee keessatti argamu kan qilleensaan guutamee   naannawa funyaaniitti argamuu kan saayinasii jedhamu (sinuses) yeroo kulkulfatu(inflammation) dhibee nama dhufuudha.

- Fuularra naannawa funyaaniitti(addaa/ forehead ,ija ,lafee funyaanii fi mallaa) iddooleen banaan kun (sinuses) afur ni argamu.
Isaaniis kana keessa qilleensa fi dhangala'aan rifeensa xixiqqaan gargaaramuun bilisaan keessa yaa'uun boodarra karaa funyaanii baha .yeroo fayyaatti dhangala'aan kun achi keessaatti hin kuufamu jechuudha.
Sababa garagaraatiin qaawni kun yeroo cufamu fi sochiin rifeensa xixiqqaa (cilia) yeroo gufatu dhangalaan kun achi keeysatti kuufamuudhaan baakteeriyaa fi jarmiilee birootiif haala mijeessuun mallattooleen dhukkubichaa mul'achuuf nama saaxila.
- dhukkubni kun yeroo hedduu ofumaan kan fayyu yoo tahu dhukkuubbii naannawa funyaanii fi ijaatti kan nama dhagayamsiisuudha.
NB:Garuu rakkoo hamaa akka infekshinii sammuu(eg.meningitis),infekshinii  naannawa ijaa(periorbital cellulitis) fi lafee fuulaatiif(Osteomyelitis) nama saaxiluu dandaha.keeysaahuu irra deddeebiin yoo nama qunname

Sababoota
- Utaalloo/diifafa(common cold)
- Alarjikii(rhinitis)
- Faalama qilleensaa
- Dhiita'uu keessoo funyaanii fa'a(nasal polyp, nasal adenoids)

▪︎Gosoota isaa
1. kan yeroo gabaabaa (acute sinusitis)   -mallattoon saayinasii torbee 2  hanga 4 kan turu.

2. kan yeroo giddugaleessaa (sub-acute sinusitis)
-mallattoon saayinasii torbee 4 hanga 12 kan turu.

3. kan yeroo dheeraaa (chronic sinusitis) -mallattoon saayinasii torbee  12 ol kan turu yoo tahu inni kun yoo yaala argachuu baate nama faana turuun kan itti fufuudha.

▪︎Mallattolee
- Fuula fi naannawni isaa nama dhukkubuu fi akka ulfaachuu
- Funyaan nama cuccufuu
- Dhangala'aa  funyaan keessaa yaa'uu
- Foolii arguu dadhabuu
- Qufa'aa,gubaa qaamaa(fever), dhukkubbii mataa,dadhabbii fi dhukkubbii ilkaanii fa'a.

▪︎Yaalii isaa
- boqonnaa fudhachuu
-funyaan keenya bishaan bohaawa qabuun lollahuu(Nasal irrigation)
-dhangala'aa bayyee dhuguu
-Qoricha manaa yaalaatii kennamu seeraan fudhachuu
-baqaysanii yaaluu( yoo barbaachise)

▪︎Akkamitti of eegganna
-Alarjikii(allergy) yoo qaabaanne yaala isaa seeran fudhachuu fi waan isa nutti kaasurraa of eeguu
- nyaata kuduraa fi fuduraa nyaachuu
- dhibeen qaamota hargansuu akka hin uumamneef eegumsa gochuu(fkn talaallii fudhachuu)
- Tamboo xuuxuu dhabuu
-Dhiphina(stress) hirrisuu
- Qulqullina naannoo keenyaa eeguu fa'a .

☆Mallattoo akkasii ofirratti arkinaan Dooktora isinitti dhiyaatu dubbisaa.

FAYYAA TAHAA
 
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"