HIRRIBAAN DEEMUU (Ka'umsa, miidhaa inni geessisuu fi yaala)
HIRRIBAAN DEEMUU
(Ka'umsa, miidhaa inni geessisuu fi yaala)
******
☆Hirriba keessa deemuun keessumattuu ijoolllee umriin ganna 3 -7 keessatti taatee beekamaa dha.
☆Namootni haga 15% ta'an rakkoo hirribaa dammaqanii, ija banatanii, oljedhanii taa'uun deebi'anii rafuu haga irraa kaasee haga ka'anii deeemuun gochoota wal-xaxoo ta'an garagaraa keessatti hirmaachuu ga'u ni qabaatu jedhamee tilmaama.
☆Yeroo baayyee ijoolleen umriin isaanii dabalaa gaafa deeman wanti kun hafaa kan deemu ta'us darbe darbee namoota gurguddaa keesattillee ni mul'ata.
MALLATTOO
*****
● Yeroo baayyee erga rafanii booda saatii 2 fi 3 gidduutti; yeroo namni hirriba guddaa keessa jiru nama mudata. Guyyaa guyyaan, torbeetti ykn waaggaattilee kan namatti dhufuu danada'u yoo ta'u, halkan tokkotti al lama sadii illee deddeebi'uu danda'a.
● Namootni dhibee kana qaban rafiitii keessa ka'anii ija banachuu, ol jedhanii taa'u. Yoo itti haasa'an garuu namaaf hin deebisan. Yeroo muraasa booda deebi'anii rafu.
● Kaan immoo ka'anii deemu, waan nama dhibu namootni tokko tokko gufuu isaan fuul dura jirullee utuu itti hin bu'in irraa goranii darbu akka nama arguutti.
● Muraasni immoo manaa ba'uun gochoota wal xaxoo ta'an kan akka konkolaataa konkolaachisuu, waajjira ofii dhaquu fi wal quunamtii saalaa gochuu keessatti qooda fudhatu.
● Namootni kun dabalataan hirriba keessa dubbachuullee ni qabaatu.
● Namootni kun yeroo hirriba keessa deemaa jiran ijni isaanii banaa haata'u malee hirriba keessa waan jiraniif dammaqsuun baayyee rakkisaa dha. Darbee darbee namoota isaan dammaqsan irra miidhaa geessisuuulle danda'u.
● Gaafa dammmaqan lafa jiran yk waan gochaa jiran hin beekan.
● Utuu hin dammaqin yoo hirribatti deebi'uu milkaa'an ganama yoo gaafataman waanta godhan kana hin yaadatan.
MAALTU NAMATTI FIDAAA??
********
¶ Namni halkan deemu maatii keessa jiraachuun.
¶ Sagantaan hirriba ofii jeeqamuun; hanqina hirribaa.
¶ Dhibee dhiphuu/yaaddoo.
¶ Dhugaatii alkoolii fi araada garagaraa.
¶ Qoricha hirribaa baayyee fudhachuu.
¶ Dhibee qaama namaa ho'isu / bulluqsuun qabamuu [fever].
¶ Dhibee gaggabdoo adda ta'e (frontal lobe epilepsy, temporal lobe epilepsy).
¶ Dhibeen garaachaa/liqimsituullee namatti fida (GERD).
¶ Qorichoota gara garaatinis namatti dhufuu danda’a.
WAL-XAXA (Miidhaa inni geessisu).
********
¤ Guyyaa hojii ofii hojjecchuu dadhabuu, sababa hirribni ciccituutiin boqannaa ga'aa dhabuu.
¤ Gochoota nama qaanessan hojjechuun kan saalfii ta'uu: fkn ija namaa dura qullaa deemuu, nama wajjin wal quunnamtii saalaa gochuu hin feenee/hin hayyamamne wajjin gochuu (fira/aantee ofii wajjin illee ta'uu danda'a).
¤ Deemsa kana keessa namoota fi mataa ofii irrati miidhaa geessisuu: fkn konkolaataan namoota rukutu, deemsa keessa hayyallaa lixuu fi kkk.
¤ Hirriba namoota isaan bira jiranii/rafanii jeequu.
ITTISAA FI WALDHAANSA
********
■ Hirribaan deemuun yeroo baayyee gaafa umriin ganna 10 darban yaalama tokko malee ni bada. Garuu darbee darbee balaa qabeenyaa fi lubbuu namaarratti qaqqabsiisuu waan danda'uuf ittisaa fi yaalii barbaaduu danda'a.
Keessattuu erga umrii ijoollummaa keessaa ba'anii tasa kan namatti dhufe yoo ta'e mana yaalaa dhaquun haalaan sakatta'umsi godhamee ka'umsi isaa erga baramee yaalamuun barbaachisaadha.
■ Eaggannoo fi yaalisaa akka barbaachisummaa isaaniitti armaan gaditti tarreeffamaniiru:
1. Nama hirribaan deemu yoo manaa qabaattan lafa rafiitii isaanii yeroo mara qulqulluu gochuu keessumattuu meeshaalee gufuu itti ta'uu fi miidhaa irraan ga'uu danda'an karaa duraa kaasuu. Meeshaalee qara qaban illee akka fuudhee namaa fi ofii isaarratti balaa hin geessifneef karaarraa maqsuu.
¶ Foddaa fi balbaloota yeroo hunda sirriitti cufuu, keessumattuu mana gullantaa (stairs) qabu yoo ta'e balbala gara gullantaatti nama geessu cufuu.

Comments
Post a Comment