𝐐𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐒𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐚'𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮
❝𝐐𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐒𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐚'𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮
✅ Sababoota Walii galaa
1. Rakkoolee xiinsammuu wajjin wal qabatan kanneen akka: Yaaddoo ykn dhiphina sammuu, Rakkoo hariiroo jaalalaa, Hojjachuuf sodaan kan nu keessa jiru yoo ta'e.
2. Rakkoolee jireenya wajjin wal qabatan kanneen akka: Dadhabbii, hirriba dhabuu, Alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu, Tamboo xuuxuu, Sochii qaamaa gochuu dhabuu yoo kan qabaannu ta'e.
3. Dhukkuboota kanneen akka: Dhibee sukkaaraa, Dhiibbaa dhiigaa ykn dhukkuba onnee, Madaallii hormooniin testosterone keenyaa gadi aanaa yoo ta'e, rakkoon narvii ykn ujummoo dhiigaa wajjin wal qabatu yoo jiraate.
4. Qorichootni kanneen akka: dhiphina sammuu, farra dhiibbaa dhiigaa fi kkf tokko tokko humna qaama saalaa dhiiraa hir’isuu danda’u.
Maal gochuu qabna?
✅ Dhiphina hir'isuu fi hirriba gahaa rafuu
✅ Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun sirna yaa'insa dhiigaa keenya akka fooyya'u gochuu
✅ Alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusadhaa, tamboo xuuxuu dhiisuu
✅ Nyaata fayya qabeessa nyaachuu
✅ Fayyaa sammuu keenyaa ilaaluu— yaaddoon qofti kana fiduu danda’a waan ta'eef.
Yeroo akkam mana yaalaa deemnee ilaallamuu qabna
1. Rakkoon kun yeroo baay’ee irra deddeebin yoo nu mudate (darbee darbee qofa osoo hin taane) .
2. Akkasumas fedhiin saalqunnamtii keenya gadi aanaa ykn mallattoolee fayyaa biroo (fkn, dadhabbiin, ulfaatina qaamaa dabaluu, mallattoo dhukkuba sukkaaraa) yoo ofiratti agarra ta'e.
3. Yoo qoricha qaama saalaa kee irratti dhiibbaa uumuu danda’u fudhachaa jirra ta’e.
Gara mana yaalaa deemtanii qorannoo dhiigaa (sukkaara, kolestroolii, testosterone fi kkf) adda baafattanii, sababa isaa irratti hundaa’uun wal’aansa ykn gorsa barbaachisu fudhachuu qabdu.
⚠️ Walumaa galatti qaamni saalaa dhiiraa darbee darbee osoo ka’uu jabaachuu dhabuun waanuma jiruu fi yeroo baay’ee waan hamaa miti. Garuu yoo baay’ee ta’e qorannoo gahaa gochuun barbaachisaadha.

Comments
Post a Comment