Yoo Qaamni Saalaa Dubartii Qaama Saalaa Dhiiraa Qabee Irratti Didee Gadi Lakkisuu Dide Waan Godhuu Qabdan!

 Yo


o qaamni saalaa dubartii qaama saalaa dhiiraa qabee gad lakkisuu dide waan godhuu qabdan...

********
Namootni lama walquunnamtii saalaa godhanii erga raawwatan booda qaamni saalaa isaanii wal gadhiisuu (walittii ba’uu dide) oduu jedhu dhageessanii beektuu?

Tarii waanti akkasii yoo isin mudate;-
*Hunda dura haalli keessa jirtan waanta hamaa ykn yeroo dheeraa fudhatu akka hin taane of yaadachiisuun gaariidha.

*Dhiphachuu / nahuun akka maashaan ishee hin diriirfanne gochuun taatee kana ni hammeessa .

*Sosocho’uu fi humnaan keessaa baasuf yaaluun dhukkubbii qaama saalaa lamaan irraan gahuu irra darbee rakkoo qaamni ofii tarsa’uu ykn cabuu keessa nama galchuu danda’a. Waanti kun nama kamuu mudachuu kan danda'udha.

* Yeroo baayyee maashaan ishee daqiiqaa kudhanii gaditti waan diriirfatuuf  ofumaan kan sirraa’uufi kan miidhaa hinqaqqabsiisne waan ta’eef obsaan yoo eegan utuu gargaarsaaf nama hin waammatin rakkoo kana irraa furamuun ni danda’ama.

*Yoo yeroo dheeraa fudhatee fi rakkoo biraan kanaan wal qabatee umame [dhiiguun jiraate, dhukkubbii hamaan jiraate] gargaarsa ogeessa fayyaa argachuun ni danda’ama.

Abdiidhaan Jiraadhu!!

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"