AKKAMITTI MARSAA LAGUU OSOO HIN ARGIN ULFA TA’UUN DANDA’AMAA?

 AKKAMITTI MARSAA LAGUU OSOO HIN ARGIN ULFA TA’UUN DANDA’AMAA?


***************

Dubarri tokko tasuma osoo laguu hin argin yookin erga laguu dhabbataadha yookin yeroo isaa eegee hin dhufneen ulfaa’uu dandeessii? 

EYYEE! Haalota armaan gadi lamaan ilaalaa:


1.Dubarri umuriin ishee wal-hormaataf gahe tokko osoo tasuma marsaa laguu jalqabaa ishee hin argin ulfaa’uu ni dandeessi. Kunis sababni isaas marsaan laguu kan dhufu erga hanqaaquun dubaraa xannacha ovarii jedhamu irraa gadi dhiifamtee guyyoota 10-14 booda. Kanaafis dubarri kun gadi lakkifamuu hanqaaquu fi jalqabuu marsaa laguu jidduu guyyoota (10-14) jiran kana keessatti yoo walqunnamtii saalaa goote osoo laguu hin argin ulfaa’uu dandeessi. Hanqaaquu fi sanyiin dhiiraa wal argannaan fertilayizeshiniin umamuudhan laguun ni hafa.


2. Haaluma wal fakkaatun dubaarri laguu argaa turtee jidduudhan sababa garaagaraa armaan olitti eerren laguun ishee bades akkasuma osoo deebitee laguu hin argin ulfa taatee argamuu dandeessi. Kunis dubarri tokko laguu ishee arguu dura guyyoota 10-14 dura hanqaaquu qopheesiti, hanqaaquun kunis yoo dubarri suni walqunamtii saalaa goote miciree (ulfa) ta'a, guyyoota 10-14 keessatti yoo sanyii dhiiraan wal hin argine garuu marsaa laguu ta’ee dhangala’a. 


*Walumaagalatti hanqaaquu sanyii dhiiraa hin arganneettu marsaa laguu ta'ee dhangala'a waan ta’eef dha. Dursa sanyii dhiiraa fi hanqaaqun wal argannaan laguun ni hafa.


Hub2: Kanaafis dubarri tokko marsaa laguu argaa hin jirtu jechuun hin ulfooftu jechuu miti, marsaa laguu ifatti osoo hin argin ulfaa’un ni dandaa’ama!


Mee namoonni fuula facebook kana irraa barachaa jirtan fuula facebook kana FOLLOW , LIKE fi SHARE gochuun nama bira akka gahuu godhaa…WALIIN BARANNA!

Galatoomaa!

 

Maxxansa kanarraa waa baratanittuu? Yoo akkas ta’e “eyyee” jechuun comment jalatti naaf barreessaa! Yoo isiniif hin gallemmoo “naaf hin galle” jechuun naaf barreessaa!


Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Post a Comment

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"