Faayidaa Zeeyitunaa(Guava)
Faayidaa Zeeytuunaa (Guava)
Zeeytuunan midhaan nyaataaf, qorichaaf, fi faayidaalee fayyaa hedduuf beekama. Qaama guutuu isaa irraa faayidaa argachuun ni danda’ama—biqiltuu, baala, fi mudhii isaa dabalatee. Faayidaaleen isaa akka armaan gadiitti ibsamaniru:1. Vitamin C’n Badhaadhe – Zeeytuunan vitamin C gahaa of keessaa qaba. Kunis dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuuf qabu guddisuu fi gogaa fayyaa qabu dagaagsuu keessatti gargaara.
2. Madda Faayibaraa Guddicha – Faayibara nyaataa baay’ee waan qabuuf, bullaa’insa nyaataa ni fooyyessa, qufaa fi rakkoo dafee goguu ni ittisa.
3. Antioxidants Waliin Badhaadhe – Antioxidants akka lycopene fi beta-carotene of keessaa qaba. Isaanis carraa dhukkuboota yeroo dheeraa hir’isuuf fi free radicals ofirraa ittisuuf gargaara.
4. Dhiibbaa Dhiigaa To’ata – Pootaasiyeemiin keessa jiru dhiibbaa dhiigaa to’achuuf gargaara, onnee fayyaa qabaachuufis ni fayyada.
5. Bullaa’insa Nyaataa Ni Fooyyessa – Faayibara waan qabuuf, bullaa’insi nyaataa sirrii ta’uu keessatti gumaacha. Akkasumas, kompaawundoonni garaacha eeguuf gargaaran keessa jiru.
6. Ulfaatina Qaamaa Hir’isuuf Gargaara – Kaalorii xiqqaa fi faayibara baay’ee waan qabuuf, namoota ulfaatina isaanii to’achuuf yaalan gargaaruu danda’a.
7. Ija Ni Fooyyessa – Vitamin A baay’inaan waan qabuuf, ija fayyaa qabu eeguuf faayidaa guddaa qaba.
8. Albuudaan Badhaadhe – Albuuda murteessaa akka maagniziyeemii, sibiila, fi maangaanizi of keessaa qaba. Kunis hojiiwwan qaamaa adda addaa keessatti gahee guddaa qaba.
9. Qaama Dhiiga Uumu Cimsuuf Gargaara – Qabiyyeen sibiila (iron) fi foolaati keessatti argamu dhiiga haaraa uumuuf gargaaru.
10. Dhibee Sukkaaraa To’achuuf Gargaara – Faayibara fi antioxidants of keessaa qabaachuun, dhangala’aa sukkaaraa qaamaa to’achuun fayyaa dhiigaa eeguuf ni gargaara.
11. Fayyummaa Samuu Ni Cimsaa – Vitamin B3 fi B6’n.

Very nice
ReplyDeleteBravo
ReplyDelete