HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA)

 HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA)

**


Hanqinni dhiigaa dhukkuba yeroo ammaa garmalee dabalan keessaa isa tokko.namonni baay'een sababa dhibee kanan miidhama jiru keessattu da'immaanii fi durbartoota ulfaa irratti bayyee muldhata.

Sababoota hanqina dhiigaa fidan:

1 Hanqina Ayiranii

2 Hanqina vitaamiini B_12

3 Hanqina Fooliik Asiidii

4 Dhukkuba Kaansarii garagara irraa


Mallattoolle dhukkubichaa

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

*Lafti Naman nanna'uu

*Gurratti nama iyyuu

*Ijaan lafa arguu dadhabu (namatti dimimisuu)

* Dadhabbii garmalee

*Hafurrii addaan ciituu

Hanqina Dhiigaa yaala qaba?

Eyyeen

1 nyaata sirreessun

2 qorichaa mana yaalati fudhachuun

3 waldhansa baqaqasani yaalu fkn kansaarii garagara yoo ta'ee.

Nyaata akkami nyaatu qabna hanqina dhiigaa ittisuuf?

*Nyaata Ayiranii badhadhan kannen akka foonii diimaa,Foonii lukkuu, qurxummii,Baqelaa, ataara, kuduraa fi muduraa akka loomii fi Burtukana.

* wantoota Ayiranii hirdhisanii fkn bunaa fi shaayii nyaata duraa dhuguu dhiisuu.sabibni isaas qabiyye Ayiranii nyaata keessa jiru hirdhisani.

* Nyaata vitaamiini B12 badhadhan fkn bu'aa beeyiladoota kannen akka foonii diimaa ,Tiruu hanqaquu, Annaanii fi kkf.

* Nyaata Fooliik Asiidii badhadhan kannen akka  loomii, Burtukana, ochoolonii,Qoosxa, ataara, Baqelaa fi kkf.

**

Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!


Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"