MIIDHAA WALQUNNAMTII SAALAA BAAYYISUU .

 MIIDHAA WALQUNNAMTII SAALAA  BAAYYISUU 


=====================================

Fayyaa walqunnamtii saalaa eeguun fayyaa guutuu eeguu yoo ta’u, daangaa fi of eeggannoon baay’ee barbaachisaadha. Walqunnamtii saalaa baay'isuun nama baayyee waliin taasisuun, keessattuu yoo of eeggannoon hin taasifamne, rakkoo fayyaa garaagaraa fiduu danda’a. Rakkoolee sababa kanaan dhufan keessaa inni jalqabaa dhukkuboota daddarboo karaa saalaa daddarban (STIs) akka HIV/AIDS, copxoo, fanxoo, fi dhukkkuba abbaa seeruu dabalatee babal’isuudha. Dhukkuboonni kunniin qaama saalaa miidhuu fi jireenya guutuu irratti miidhaa cimaa geessisuu danda’u.


Kana malees, walqunnamtii saalaa baay’isuun fayyaa sammuu fi miira irratti dhiibbaa fida. Namni tokko yeroo baay’ee walqunnamtii saalaa gochuun dhiphina sammuu, yaaddoo, fi miira gaddaa keessa seenuu mala, keessumaa yoo walitti dhufeenyi miira fi amanamummaa hin jiraanne. Namoonni muraasni gocha kananatti harka kennanii miira ofii too’achuu dadhaburraa kan ka'e rakkoo hamaa keessa seenanii, hojii guyyaa fi guddina dhuunfaa isaanii irratti miidhaa geessisaa jiru.


Miidhaan qaamaa akka dadhabbii qaamaa fi jeequmsa hormooniillee namatti fida. Qaamni yeroo hunda boqonnaa barbaada, yeroo hunda kaka’umsa saalaa keessa jiraachuun sirna qaamaa jeeqa. Akkasumas, walqunnamtii saalaa of eeggannoo malee gaggeeffamuun ulfi tasaa uumamuu danda’a. Kun ammoo rakkoo xiinsammuu, dingdee fi hawaasummaa keessa nama galcha.


Fayyaa guutuu eeguu fi nageenya dhuunfaa tikfachuuf, walqunnamtii saalaa sirnaani fi gaa'ila booda (haadha warraa qofa) waliin rawwachuun murteessadha. Walqunnamtiin sirrii fi itti gaafatamummaa qabu fayyaa dhuunfaa qofaa odoo hin taane, walitti dhufeenya, kabajaa fi nageenya hawaasummallee ni jabeessa.


Walumaagalatti, walqunnamtii saalaa gochuun amala uumamaa fi barbaachisaa ta’e ta’us, daangaa qabaachuu qaba. Miidhaa irraa of baraaruuf hubannoo gahaa qabaachuun, of eeggannoo gochuuni fi qorannoo fayyaa yeroo yerootti taasisuun barbaachisadha. Kana gochuun fayyaa qaamaa, sammuu fi hawaasummaa tiksuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.


FAYYAA TAHAA.


Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"