Dhugaalee Fedhii Walqunnamtii Saalaa (Horniness) Waan Beekuu Qabnu.
🌹 Dhugaalee Fedhii Walqunnamtii Saalaa (Horniness) Waan Beekuu Qabnu.
Fedhiin walqunnamtii saalaa uumamaa namaati; hammina ykn cubbuu miti.
Nama bultii ijaare keessatti, hiriyyaa siif hawwii fi fedhii qabu qabaachuun eebba guddaadha.
Wanti fedhii walqunnamtii saalaa hir'isu keessaa inni guddaan walitti bu'iinsa fi lola yeroo dheeraadha.
Dhiirota qofaatu fedhii walqunnamtii saalaa cimaa qaba jechuun sirrii miti. Dubartoonnis fedhii kana ni qabu; yeroo baay'ee yeroo hanqaaquun isaanii qophaa'u (ovulation) fedhiin isaanii ni dabala.
Dhiironni hedduun ganama fedhii walqunnamtii saalaa waliin dammaqu. Walhubannoo fi mariin gaariin haala kana keessatti barbaachisaadha.
Yeroo tokko tokko fedhiin kun baay'atee hojii guyyaa guyyaa irratti xiyyeeffachuun nama rakkisuu danda'a. Kanaaf walqunnamtiin saalaa bultii keessaa karaa sirrii ta'een fedhii kana guuta.
Rakkoon bultii fageenya irraa tokko fedhii walqunnamtii saalaa yeroo barbaadan wal bira jiraachuu dhabuudha. Walqunnamtii gaarii fi jaalala itti fufiinsa qabuun rakkoon kun ni salphata.
Yeroo fedhii keessa jirtu hiriyyaan kee si diduun miira badaa uumuu danda'a. Kanaaf waliif hubannoo qabaachuun murteessaadha.
Dubartoonni tokko tokko yeroo umurii menopause dura fedhii walqunnamtii saalaa cimaa qabaachuu danda'u.
Fedhii walqunnamtii saalaa jechuun walqunnamtiin kun ijoollee qofaaf osoo hin taane jaalala fi walitti dhufeenya cimsuuf akka uumame nu yaadachiisa.
Namni amantii cimaa qabu ta'ee illee fedhii saalaa uumamaa qabaachuu danda'a. Kana irraa qaana'uun hin barbaachisu.
Bultii keessatti furmaanni fedhii walqunnamtii saalaa dagachuu osoo hin taane mari'achuu fi karaa fayya qabeessa ta'een deebii kennudha.
Hiriyoonni heerumaa fedhii qabaatanii walitti dhufeenya isaanii dagatan yeroo baay'ee aarii fi mufannaa keessa seenuu danda'u.
Tooftaaleen ittisa ulfaa tokko tokko fedhii walqunnamtii dubartootaa irratti dhiibbaa geessisuu danda'u.
Akkaataa hiriyyaa kee ilaalchiftuun fedhii kee irratti dhiibbaa qaba. Yaadni gaariin fedhii dabala; yaadni hamaan ammoo ni hir'isa.
Fedhiin walqunnamtii saalaa si keessa jiraachuun nama biraa barbaaduu ykn walqunnamtii saaalaa bultii duraa deemuu jechuun miti.
Umuriin yoo dabale namoonni tokko tokko walitti dhufeenya bultii ala barbaaduuf qoramanii yaaluu danda'u. Kun garuu furmaata sirrii miti.
Fedhii kee to'achuu baradhu; yoo ati isa hin to'anne inni si to'atee gara hawwii to'annoo hin qabneetti si geessisuu danda'a.
Hiikni tokko kan hiriyyaa bultii jechuun: "Nama fedhii koo, jaalala koo fi miira koo na waliin qoodu" jechuudha.
💡 Xumura:
Fedhiin walqunnamtii saalaa qaama jireenya bultii fayyaa qabuu keessaa isa tokkoodha. Walhubannoo, kabajaa, marii fi jaalalaan yeroo to'atamu hariiroo heerumaa ni cimsa.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments
Post a Comment