FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.
FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU **** Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu: **** FAAYIDAA 1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif. 2. Kuusaa yaad...

Comments
Post a Comment