Dhukkuba TIIBII (Daranyoo Sombaa)
Dhukkuba TIIBII (Daranyoo Sombaa)
👉Daranyoon sombaa(Tiibiin) dhukkuba daddarboo baakteriyaa maayikobaakteriyam tuuberkuloosis jedhamun dhufuudha
👉Baakteriyaan kun baay'inaan somba kan miidhu ta'us qaama hundayyuu miidhuu danda'a
👉Namoonni miliyoona 10(10,000,000) ta'an waggaatti dhukkuba kanaan ni qabamu
👉Dhukkubni kun hafuuran yeroo qufa'an,haxxiffatanii fi haasa'an nama irraa namatti darba
🔹Mallattoolee Dhukkuba Tiibii
👉Qakkee(qufaa) torban lamaa ol namarra turu
👉Akkitaan dhiiga makuu
👉Hir'ina qaamaa(ulfaatina)
👉Fedhii nyaataa dhabuu
👉Qaama nama gubuu(hoo'isuu) fi hurgufuu
👉Nama dafqisiisuu(keessattuu haalkan)
👉Waraansa laphee
🔹Wantoota Dhukkuba Tiibiif Nama saaxilan
1.Dhukkuba HIV/AIDS
2.Tamboo/sigaaraa xuuxuu
3.Alkoolii fo qoricha sammuu nama hadoochu fayyadamuu
4.Dhukkhba sukkaaraa,Dhukkuba kalee
5.Haala diinagdee fi hawaasummaa
6.Hanqina nyaataaf saaxilamuu
7.Kaansariin qabamuu
8.Namoonni hedduun iddoo tokkotti walitti qabamuu(mana hidhaa,kaampii..)
9.Qoricha isteeroyidii(steroids) yeroo dheeraaf fayyadamuu
10.Nama dhukkuba kana qabuun wal ga'uu
🔹Wal'aansa
👉Qoricha farra tiibii fudhachuun fayyuun ni danda'ama
Namni dhukkuba kanaan qabame yoo xiqqaate ji'a ja'aaf osoo walirraa hin kutin qoricha fudhachuu qaba
👉Qoricha osoo hin fixin adda kunnaan baakteriyaan kun qorichaan waan wal baruuf qoricha tiibii adda kutuun hin barbaachisu
🔹Sombaan Ala Qaamota Dhukkuba Tiibiin Miidhaman
👉Haguugduu sombaa
👉Xannachoota
👉Mar'imaan
👉Kalee
👉Qaama wolhormaata
👉Gogaa
👉Maashaa fi Buusaa
👉Lafee
👉Sammuu
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments
Post a Comment