Ulfaa'uu koo akkamiin dafee beekuu danda'a?

 Ulfaa'uu koo akkamiin dafee beekuu danda'a?


​Dubartiin tokko ulfa qabaachuu ishii beekuuf karaa salphaa fi si'ataa ta'een manumatti of qoruu dandeessi. Meeshaan 'Pregnancy Test' jedhamu faarmaasii ykn dukkaana qorichaatii gatii salphaan argamu, bu'aa sirrii ta'e %99 ol kennuuf gargaara.

​Akkamiin fayyadamuu qabda?

​Qorannoo kana sirritti raawwachuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii hordofi:

​Bitachuu: Meeshaa qorannoo ulfaa (Pregnancy test kit) faarmaasii irraa bitadhu.

​Fincaan: Fincaan kee qodaa qulqullina qabu keessatti walitti qabadhu.

​Cuuphuu: Meeshaa qorannoo sana fiixee isaa irraa banuun, gara mallattoon inni itti agarsiifame hanga iddoo murtaa'eetti (tuqaa jiru) fincaan keessa cuuphi.

​Tursiisuu: Daqiiqaa 5 hanga 10f fincaan keessa tursiisi.

​Mirkaneeffachuu: Meeshicha keessa baasii bu'aa isaa ilaali.

​Hubannoo Bu'aa Qorannichaa:

​Sararri tokko qofti yoo muldhate: Ulfi hin jiru jechuudha.

​Sararri lama yoo muldhate: Ulfi jira jechuudha.

​Gorsa Dabalataa

​Bu'aa sirrii ta'e argachuuf, laguun kee guyyaa itti dhufuu qabu yoo dabarse qorannoo kana gochuun hedduu gorfama. Haa ta'u malee, walqunnamtiin saalaa raawwatamee guyyaa 10 booda yoo of shakkan, qorannoo kana gochuun ni danda'ama.

​Hubachiisa: Mallattoolee akka of-jijjiiruu (fayyuu), dadhabbii, qoma dhiitachuu ykn fincaan deddeebitee fincaanuu yoo sitti dhaga'ame, qorannoo kana gochuun barbaachisaadha. Bu'aan kee yoo shakkisiisaa ta'e, gara kilinikaatti deemtee qorannoo dhiigaa gochuun mirkaneeffadhu.

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"