Dhukkubbii Yeroo Walqunnamtii Saalaa/Dyspareunia Maaltu Namatti Fida?

 "Dhukkubbii Yeroo Walqunnamtii Saalaa/Dyspareunia Maaltu Namatti Fida?"


***********
Rakkoon kun saala lachuu muudachuu danda'us, harka caalu garuu dubartoota irratti ni baay'ata. Akka qorannoon garagaraa jedhutti dubartoonni baayyeen jireenya isaanii keessattii yeroo wayii isaan ni muudata.  Dhukkubbiin kunis xiqqaa irraa hanga hamaa gahuu danda'aa, akkasumas walqunnamtii saalaa dura, yeroo walqunnamtii saalaa fi booda ta'u danda'a.
Rakkoo kana sababoonni fidan baayyeedha, sababoonni kunneenis rakkoo qaamaa ykn rakkoo xiinsammuutiin ta'u danda'a. Mee sababoota kanneen yaa ilaalluu:-
*Walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal hoo'isuu dhiisuu(poor foreplay/warm-up) ykn jarjaranii gara walqunnamtii saalaa deemuu
*Qorichoota tokko tokko fudhachuu, fknf kan akka qorichoota dhibee olka'u dhiibbaa dhiigaa, dhibee garaachaa fi kkf 
*Umriin raaguu, keessattuu waggaa 45 booda
*Miidhaan qaama saalaa fi  naannoo san irra gahuu, kunis sababa yaala baqaqsanii hodhuu, balaa tasaa, kittannaa fi kkf
*Dhibee infeekshiinii garagaraa, kunis dhukkuboota walqunnamtii saalan daddarban, infeekshiini ujummoo fincaanii fi kkf
*Rakkoo gogaa naannoo qaama saalaa qabachuu
*Rakkoo uumamaan qaamni saalaa seeraan ykn haalaan uumamuu dhiisuu
*Yaala dhukkuba tokko tokkoof godhamu, fknf Kaanserii tokko tokkoof
*Dhukkuboota qaama walhormaata tokko tokkoo, fknf tishuuleen keessoo gadameessa iddoo biraatti argamuu, kaanserii balbala  gadameessa, iitaa gadameessa fi kkf.
*Dhibee Kintaarootii.
*Dhiphina fi yaaddoo hamaa ta'e.
*Gudeeddi ykn seenaa akkasii.
*Maashaan qaama saala dubartii ofii isaatii walitti butamuu.
*Cabuu qaama saala dhiiraa fi kkf.
***********
Galatoomaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dayaa!
                    
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"