Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"
"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"
***********
1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgabbaa'uu.
- Waan hojjachaa jiruu dhaabun ciisuu ykn taa'uu.
- Hafuura dheeraa baafachuu.
- Miira dhiphinaa hir’isuuf tasgabbaa’uu.
2. Bishaan Dhuguu (yoo hin dhoowwamne):
- Bishaan qulqulluu xiqqo xiqqo dhuguun kalee qulqulleessuuf gargaara.
- Garuu yoo fincaan fancaa'uuf kan rakkanu ta'e ykn rakkoo onnee qabaanne, bishaan baay’ee dhuguun balaa ta’uu danda’a — kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuun gaaridha.
3. Fincaan Ilaalu:
- Fincaan dhiiga qabu, foolii qabu yookiin fincaan yoo xiqqaate, mallattoo dhukkuba kalee ta’uu danda’a.
- Fincaan nama gubuun yookin dhiiga makatuun yeroo bayyee mallattoo dhukkuba kalee agarsiisa. Kanaaf dursanii odoo dhukkubbiin hin eegalin adda baafachuun barbaachisaadha.
4. Dawaa Ajaja Ogeessa Fayyaatiin Ala Liqimsuu Dhiisuu:
- Dawaan tokko tokko kalee miidhuu danda’a, fakkeenyaaf ibuprofen, paracetamol fi aspirin yeroo kaleen nu dhukkubde akka dhukkubbii nurraa dhaabuf liqimsuun rakkoof nu saaxiluu danda'a.
5. Nyaata Keenya Sirreessuu:
- Nyaata soogidda xiqqaa qabufii mi'eessituu baay'ee hin qabne nyaachuu.
- Nyaata akka baaduu, karootii, fi kudraafii mudraa bilcheessinee fayyadamuu.
***********
MallattooleeYeroo Dhukkubbiin Kalee Kaatuu:
- Gubaa cimaa garaa fi dugdaa.
- Fincaan dhiiga qabu fncaa'uu.
- Dadhabbii cimaa.
- Harkaa, miilaafii fuulli iitawuu.
Mallattoo kana yoo ofirratti agartan, hatattamaan gara hospitaala deemuun dirqama.
***********
Dhukkubbiin kalee yeroo baay’ee sababa infection, cirracha kalee, ykn miidhaa kalee irraa ka'uu danda’a. Dhukkuba kalee dursuu fi ittisuun dhukkuba hamaa akka dialysis irraa nu baraara. Bishaan dhuguu, nyaata sirrii nyaachuu, fi qorannoo yeroo yerootti gochuun fayyaa kalee keenyaa eeguf nu gargaara.
Galatoomaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dayaa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇

Comments
Post a Comment