Dhukkuba Garaachaa (Madaa'uu Mar'immaanii): Wantoota Beekuu Qabdan
Dhukkuba Garaachaa (Madaa'uu Mar'immaanii): Wantoota Beekuu Qabdan
Dhukkubni garaachaa (Peptic Ulcer Disease) madaa'uu garaachaa fi kutaa mar'ummaan keenyaa gara olii yeroo ta'u, rakkoo fayyaa biyyoota guddachaa jiran keessatti haalaan dabalaa jiruudha. Haa ta'u malee, yaalaafi of-eeggannoo sirrii yoo ta'eef, torbee 6 hanga 8 keessatti fayyuun ni danda'ama.
Maaltu Dhukkuba Garaachaa Fida?
Dhukkubni kun sababoota gurguddoo lamaan dhufa:
Baakteriyaa: Baakteriyaa H. pylori jedhamu.
Qorichoota: Fayyadama qorichoota 'NSAIDS' jedhaman (kanneen dhukkubbii hir'isuuf gargaaran).
Mallattoolee Namatti Mul'atan
Namni dhukkuba kanaan qabame tokko mallattoolee armaan gadii agarsiisuu danda'a:
Dhukkubbii fi gubaa garaa gara olii.
Nyaata erga nyaatanii booda dhukkubbii hammaachuu ykn itti wayyaa'uu (gosa dhukkubichaa irratti hundaa'ee).
Nyaanni akka hin bullaa'in itti dhaga'amuu.
Fedhii nyaataa hir'isuu.
Akkuma waan haqqisiisuu, haqqisaa, fi yeroo garaan duwwaa ta'utti dhukkubbii hammaachuun mallattoolee beekamoodha.
Of-eeggannoo fi Nyaata (Gorsa)
Dhukkubicha ittisuuf ykn yaaluuf:
Nyaata: Nyaata mi'eessituun itti baay'ate, foon diimaa, daabboo, paastaa fi mokoroonii hir'isi. Nyaata altokkotti baay'isanii nyaachuurra, xixiqqeessanii deddeebi'anii nyaachuun gaariidha.
Waa'ee Dhugaatii: Sigaaraa xuuxuu dhiisi; buna, alkoolii fi dhugaatii lallaafaa hir'isi.
Haala Jireenyaa: Aarii fi dhiphina (stress) ofirraa hir'isi, akkasumas guyyaa guyyaan ispoortii hojjedhu.
Yeroo Nyaataa: Yoo rafuuf jedhan sa'aa 2-3 dura nyaata nyaachuu dhiisi; nyaata tasgabbaa'anii sirriitti bulleessanii nyaachuun barbaachisaadha.
Qorichoota: Qorichoota ogeessaan siif ajajaman qofa haalaan fayyadami.
Yaala Ogeessa Fayyaa
Yaalli isaa kanneen armaan gadii of keessatti qabata:
Qorichoota 'Antacids' jedhaman.
Baakteriyaa H. pylori ajjeesuuf qorichoota adda addaa (Triple therapy) ogeessaan ajajaman.
Rakkoolee Walxaxaa (Yoo hin yaalamne)
Dhukkubni kun yoo gadi dhiifame, rakkoolee cimaa kan akka:
Dhiiguu garaachaa (UGIB).
Manca'uu ykn urachuu mar'immaanii (Perforation).
Cufamuu qaawwaa garaachaa (GOO).
Akkasumas kaanserii garaachaatti geessisuu danda'a.
Fayyaa kee eeggadhu, yoo mallattoon kun sitti dhaga'ame ogeessa fayyaa mari'achiisi!

Comments
Post a Comment