Faayidaa Qullubbii Diimaa Qabu: Qoricha Manaa Fayyaa Keenya Eegu.
Faayidaa Qullubbii Diimaa Qabu: Qoricha Manaa Fayyaa Keenya Eegu.
Qullubbii diimaa nyaata keenya keessatti fayyadamuun fayyaa qaamaatiif faayidaa guddaa qaba. Qullubbii kana keessatti viitaaminonni, albuudoni fi kompaawindonni addaa qaama keenyaaf barbaachisoo ta'an hedduun ni argamu.
Faayidaalee Gurgudoo Qullubbii Diimaa:
Dandeettii ittisa dhibee ni cimsa: Viitaamin C fi farra oksiidaantotaa (antioxidants) qabaachuun qaamni dhibee irraa akka of eeguuf ni gargaara.
Fayyaa onnee ni deeggara: Dhiibbaa dhiigaa fi kolestiroolii hamaa hir'isuuf gargaara.
Sukkaara dhiigaa to'achuuf ni fayyada: Namoota sukkaara dhiigaa ol'aanaa qaban gargaaruu keessatti gahee qaba.
Hojii garaachaa ni fooyyessa: Faayibarii waan qabuuf nyaatni akka gaariitti akka bullaa'u gargaara; akkasumas garaachi akka hin gogne taasisa.
Lafee ni jabeessa: Albuudotaa fi kompaawondoota lafee deeggaran qaba.
Dhiitaa fi miidhaa qaama keessaa ni hir'isa: Farra oksiidaantii cimaa waan qabuuf seelota miidhamuu irraa eega.
Fayyaa gogaa fi rifeensaa ni deeggara: Viitaaminotaa fi albuudota isa keessa jiran irraa kan ka'e gogaan keenya akka qulqullaa'u gargaara.
Viitaaminootaa fi Albuudota Qullubbii Diimaa Keessatti Argaman
Viitaamin C: Dandeettii ittisa dhibee ni cimsata; madaa fayyisa; gogaa fi hidda dhiigaa fayyaa taasisa.
Viitaamin B6: Sammuun akka gaariitti akka hojjetu gargaara; anniisaa oomishuufi seelota dhiigaa ijaaruuf ni barbaachisa.
Foolaatii (Viitaamin B9): Seelota haaraa ijaara; keessattuu dubartoota ulfaaf guddina mucaatiif baay'ee barbaachisaadha.
Pootaashiyeemii (Potassium): Dhiibbaa dhiigaa to'ata; onnee fi maashaaleen akka gaariitti akka hojjetan gargaara.
Kaalsiyeemii & Maagneeziyeemii: Lafee, ilkaan, maashaalee fi narvoonni sirriitti akka hojjetan gargaaru.
Foosfoorasii & Manganezii: Farra oksiidaantii ta'ee qaama eeguufi lafee ijaaruuf gargaaru.
Ayiranii: Dhiigni akka ijaaramu gargaaruun hanqina dhiigaa hir'isa.
Kompaawindoota Addaa Qullubbii Diimaa Keessatti Argaman
Kiyuurseetiin (Quercetin): Antii-oksiidaantii cimaa yoo ta'u, dhiitaa qaamaa hir'isee fayyaa onnee deeggara.
Antoosiyaaniin (Anthocyanins): Halluu diimaa akka inni qabaatu kan godhanuufi seelota miidhaarraa eeguun dhibee onnee fi kaansarii tokko tokko ittisuuf gargaaru.
Kompaawindoota Saalfarii: Kolestiroolii fi dhiibbaa dhiigaa to'achuuf, akkasumas madaalii qaamaa cimsuuf gargaaru.
Karaa Itti Fayyadamaa fi Of-eeggannoo
Qullubbii diimaan yeroo baay'ee salphaatti bilcheessanii yoo nyaatan, viitaaminootaa fi farra oksiidaantotaa irraa caalaatti fayyadamuun ni danda'ama. Qullubbii diimaa dheedhii (akkuma jiruutti) nyaachuun faayidaa guddaa qabaatus, namoonni dhibee garaachaa (ulcers) qaban yoo baay'isan garaacha jeequu danda'a. Kanaafuu, nyaata keessan keessatti madaalliin fayyadamuun filatamaadha.
Fayyaan faaya! Fayyaafii nagaa guutuu qabaadhaa!

Comments
Post a Comment