🩺 Dhibee Kintaarotii (Hemorrhoids): Mallattoolee, Sababoota fi Yaala Isaa
🩺 Dhibee Kintaarotii (Hemorrhoids): Mallattoolee, Sababoota fi Yaala Isaa
Dhibeen kintaarotii rakkoo fayyaa beekamaa fi namoota hedduu mudatu keessaa isa tokko. Barreeffama kana keessatti, mallattoolee isaa, sababoota isaa, akkasumas mala ittisaa fi yaala isaa gabaabinaan ilaalla.
⚠️ Mallattoolee Kintaarotii
Namni dhibee kintaarotii qabu mallattoolee armaan gadii argisiisuu danda'a:
Dhukkubbii: Yeroo baay'ee naannoo munnee (hudduu) irratti dhukkubbii cimaa.
Hooksisuu fi gubuu: Naannoo munnee irratti gubaa ykn hooksiisa.
Dhiita’uu: Naannoo munnee ykn buubbuu irratti dhiitoon uumamuu.
Dhiiguu: Yeroo sagaaraa bahu dhiigni dhiiguu danda'a.
📊 Sadarkaa Dhiitoo Kintaarotii
Kintaarotii sadarkaa afurtti qooduu dandeenya:
Sadarkaa 1: Meeshadhaan (scope) malee ijaan hin mul'atu.
Sadarkaa 2: Yeroo sagaaraa bahu gadi baha, ofumaan garuu ol deebi'a.
Sadarkaa 3: Yeroo gadi ba'u harkaan ol deebisuun dirqama ta'a.
Sadarkaa 4: Ol deebi'uu hin danda'u, gadi baheetuma tura.
🎯 Sababoota Nama Saaxilan
Umurii ol siquu.
Yeroo baay'ee sagaaraa bahuuf ittanuu (straining).
Yeroo dheeraa mana fincaanii irra taa'uu.
Furdina qaamaa dabaluu.
Ba'aa ulfaataa yeroo dheeraa baachuu.
Hudduu yeroo dhiqatan akka malee riguu.
Dhaabbannaa ykn taa'umsa yeroo dheeraa.
Ulfa (yeroo ulfaa kintaarotiin ni heddumata).
🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda'u
Yoo yaalli ariifataan hin godhamne, kintaarotii keessa darbee rakkoolee kanneen akka:
Hir'ina dhiigaa (anemia).
Dhiigni dhiita keessatti itituu (thrombosis).
Dhiitan 'infection' ta'uu.
Madaa'uu.
Sagaara qabachuu dadhabuu (fecal incontinence).
✅ Maloota Ittisaa fi Yaala Kintaarotii
Dhibee kintaarotii ittisuuf ykn to'achuuf:
Soorata: Soorata faayibarii (fiber) qaban (fuduraa fi muduraa) yeroo mara fayyadami.
Bishaan: Bishaan gahaa dhuguun gogiinsa garaa ittisi.
Aadaa fincaanii: Sagaaran yoo si qabe tursisuu dhiisii dafii mana fincaanii deemi.
Sochii qaamaa: Sochii qaamaa yeroo mara gochuun garaa kee akka salphaatti akka bahu gargaara.
Yaala:
Bishaan hoo'aa keessa taa'uun (Sitz bath) madaa fi dhiitoo tasgabbeessuu.
Gogaan hudduu akka hin haqamne of eeggachuu.
Qoricha dhukkubbii hanbisu, qoricha buubbu keessatti kaa'amu (suppositories) ykn dibamu, ogeessa fayyaa mariisisuun fayyadamuu.
Hubachiisa: Odeeffannoon kun beekumsa waliigalaa qofaaf kan dhiyaate dha. Rakkoo kana yoo qabaatte, ogeessa fayyaa waliin mari'achuun yaala sirrii argachuu kee mirkaneessi.

Comments
Post a Comment