Walqunnamtii Saalaa Odoo Raawwataa Jirtuu Namni Yoo Sitti Dhufee Adda Kutte Rakkoo Ni Qabaa?

 Walqunnamtii Saalaa Odoo Raawwataa Jirtuu Namni Yoo Sitti Dhufee Adda Kutte Rakkoo Ni Qabaa?


​Dhiirti tokko yeroo walqunnamtii saalaa raawwatu, sababa tasaa kan akka namni itti dhufuu ykn wanti tasaa mudatuun osoo hin dhangalaasiin (ejaculate) addaan kutuun mudachuu danda'a. Gaaffii namoonni yeroo baay'ee gaafatan kana ilaalchisee yaada kanaa gadii hubannoo qabaadhaa.

​Rakkoo Fayyaa Qaamaa

​Yeroo ispermiin dhangala’uuf qophaa’ee jiru keessatti walqunnamtiin addaan cite yoo ta'e, rakkoo fayyaa cimaa qaama irraan gahu hin qabu.

​Xuuxamuu: Ispermiin sun yeroo baay'ee qaamaan deebi’ee xuuxxama.

​Halkan Abjuu: Yeroo tokko tokko qaama keessatti hafuu danda'a; kunis miidhaa hin fidu. Yeroo muraasa booda halkan abjuu (wet dreams) miira walqunnamtii saalaa keessa seentee dhangala’uu danda’a.

​Of Qulqulleessuu: Qaamni waan ofiin of qulqulleessuuf, osoo walqunnamtiin saalaa hin xumuramin addaan citee hafuun rakkoo fayyaa cimaa hin fidu; qaamni ofiin of to’achuu fi qulqulleessuu danda’a.

​Rakkoo Xiinsammuu (Psychological Impacts)

​Garuu, yoo walqunnamtiin sun kan hannaan ykn dhoksaadhaan dalagamaa jiru ta'e, rakkowwan miiraafii xiinsammuu cimaaf nama saaxiluu danda'a. Isaanis:

​Dhiphina Sammuu Cimaa: Yeroo hunda sodaafi dhiphachuu.

​Rifaa/Trauma: Yeroo walqunnamtii saalaa raawwatuuf deemte gocha san yaadatuun jibbuu, sodaatufi akka waan gochi sun ammas si mudatuutti dhiphachuu (trauma) kan yeroo dheeraaf nama waliin turuu danda’u.

​Fayyaa ta'aa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"