Walqunnamtii Saalaa Erga Raawwatamee Booda Wantoota Dubartoonni Barbaadan.
Walqunna
mtii saalaa booda wantoota dubartoonni barbaadan:
➲ Dhiira baay'etti Walqunnamtii saalaa dura malee dubartiin Walqunnamtii saalaa booda omaa hin barbaaddu itti fakkaata. Garuu akkuma Walqunnamtii saalan dura gochoonni nuti goonu barbaachisa ta'an gochoonni Walqunnamtii saalaa booda taasisnus Walqunnamtii saalaa san guutuu taasisuu bira darbee Walqunnamtii saalaa itti aanu akka ishiin hawwiin eegdu taasisa.
➲ Jaalala kee ibsiif : Akkuma yeroo kaanii san erga raawwattanii xummurtanii boodas jaalala kee qoodif. Akka ishiin siif nama addaa taate ibsiif. Ati giiftii Walqunnamtii saalati jedhiin. Akka baay'ee itti tolte himiif. Baay'ee mi'oofta jedhiin.
➲ Haammadhu : Erga raawwatteen booda yoo dadhabdeyyuu dugda kee itti naannessuu hin qabdu. Haammadhu. Bobaa kee jalattu ofitti ishii qabi.
➲ Dhungadhu : Dhungoon dura malee booda hin barbaachisu jettee dhiisuu hin qabdu. Kissing godhi, bakka miirawaa hundayyuu dhungadhu. Qaama ishii hundarrayyuu arraba keetin irra deemi.
➲ Qaama ho'isi : Sex dura malee booda qaama ho'isuun eessa jira akka hin jenne. Boodas barbaachisaadha. Harka kee qaama ishiirraa wali gadi oofii susukkuumu, dadaabbasi.
➲ Uffachiisi : Ishiin uffachuu dadhabde miti ati uffachiisi kanan siin jedhu. Garuu yoo ati itti uffata itti uffistu jaalalleen kee baay'ee gammaddi. Waanuma dura irraa baaste kan akka paantii, pijaamaa, uffata halkanii kamiyyuu sirnaan itti deebisi
➲ Nyaachisi : Galgala Walqunnamtii saalaa raawwachaa bultan yoo ta'e ishiin haa ciistuti ati ganamaan ka'ii ciree hojjadhuu dhiyeessif. Kan yeroo kaan siif dadhabde ni ga'aa har'ammoo mee ati laadhuf. Nyaata beektee hojjachuu dhiisuu dandeessa, ta'us garuu yoodhuma bukeessitee dhiyeessiteefiyyuu haadha warraa keetti ni tola, sababni isaas mi'aawa nyaatichaa osoo hin taane yaadufii kee siif hubatti. Yoo xiqqaate shaayifii daabboo dhiyeessufiin waan sitti ulfaatu miti.
Halkan gaarii isinif haa ta'u!!!

Very Nice
ReplyDelete