𝐐𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐒𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐚'𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮 (𝐏𝐚𝐫𝐭𝐢𝐚𝐥 𝐄𝐫𝐞𝐜𝐭𝐢𝐥𝐞 𝐃𝐲𝐬𝐟𝐮𝐧𝐜𝐭𝐢𝐨𝐧)❞
𝐐𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐒𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐚'𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮 (𝐏𝐚𝐫𝐭𝐢𝐚𝐥 𝐄𝐫𝐞𝐜𝐭𝐢𝐥𝐞 𝐃𝐲𝐬𝐟𝐮𝐧𝐜𝐭𝐢𝐨𝐧)❞
Qaamni saalaa dhiiraa yeroo saalqunnamtii kaka'uu hin dandeenye ykn erga kaka'ee booda jabaatee turuu dadhabuun dhimma namoota hedduu mudatuudha. Kun haala darbee darbee yoo ta'e sodaachisaa miti, garuu yeroo hunda kan si mudatu yoo ta'e xiyyeeffannoo barbaada.
✅ Sababoota Walii galaa
Rakkoon kun sababoota adda addaa irraa madoo'uu danda'a:
Rakkoolee Xiinsammuu: Yaaddoo ykn dhiphina sammuu, rakkoo hariiroo jaalalaa, fi saalqunnamtii irratti sodaan nutti dhaga'amu keessa keenya jiraachuu.
Jireenya Guyyuu: Dadhabbii qaamaa, hirriba dhabuu, alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu, tamboo xuuxuu, fi sochii qaamaa gochuu dhabuu.
Dhukkuboota: Dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee, madaallii hormoonii (testosterone) gadi aanaa, fi rakkoo narvii ykn ujummoo dhiigaa.
Qorichoota: Qorichoonni dhiphina sammuu fi farra dhiibbaa dhiigaa tokko tokko humna qaama saalaa hir'isuu danda'u.
Maal gochuu qabna?
Fayyaa sammuu: Dhiphina hir'isuu fi hirriba gahaa rafuu.
Sochii qaamaa: Yeroo hunda sochii qaamaa gochuun sirna yaa'insa dhiigaa fooyyessa.
Jireenya fayya-qabeessa: Alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusachuu, tamboo xuuxuu dhiisuu, fi nyaata madaalawaa nyaachuu.
Yeroo akkam mana yaalaa deemnee ilaallamuu qabna?
Rakkoon kun yeroo baay’ee irra deddeebin si mudate.
Fedhiin saalqunnamtii kee gadi aanaa yoo ta'e, ykn mallattoolee biroo (kan akka dadhabbii, ulfaatina qaamaa dabaluu) ofiratti argite.
Qoricha qaama saalaa kee irratti dhiibbaa uumuu danda’u fudhachaa jirta ta’e.
❝Partial Erectile Dysfunction❞
Erectile dysfunction occurs when a man is unable to achieve or maintain an erection firm enough for sexual intercourse. While occasional occurrences are usually not a cause for alarm, persistent issues may require medical attention.
✅ Common Causes
This issue can stem from various factors:
Psychological Factors: Stress, anxiety, relationship issues, or performance anxiety.
Lifestyle Factors: Fatigue, sleep deprivation, excessive alcohol consumption, drug use, smoking, or a sedentary lifestyle.
Medical Conditions: Diabetes, high blood pressure, heart disease, low testosterone levels, or nerve/blood vessel damage.
Medications: Certain antidepressants and blood pressure medications can decrease sexual function.
What should you do?
Mental Health: Reduce stress and prioritize quality sleep.
Physical Activity: Regular exercise improves blood circulation.
Healthy Lifestyle: Limit alcohol consumption, quit smoking, and maintain a balanced diet.
When should you see a doctor?
If the problem occurs frequently or persists over time.
If you experience low libido or other symptoms like extreme fatigue or unexplained weight gain.
If you are taking medications that may be impacting your sexual performance.

Comments
Post a Comment