Dhiibbaa Dhiigaa Olka’aa Ykn Dhiiga Danfaa ( Hypertension)
Dhiibbaa Dhiigaa Olka’aa Ykn Dhiiga Danfaa ( Hypertension)
******************************************
Dhiibbaan dhiigaa, ykn dhiibbaan dhiigaa olka’aan, AKA Dhiiga danfaa kan jedhamu yeroo dhiibbaan ujummoo dhiigaa keessa jiru garmalee olka’aa (140/90 mmHg fi isaa ol) ta’uudha. Dhukkubni kun namoota hedduu irratti yeroo baay’ee mul’ata, garuu mallattoo ifaa hin qabu. Yoo hin safaramne fi hin to’atamne, miidhaa hamaa onnee, kalee, fi sammuu irraan gahuuf sababa ta’uu danda’a.
Dhiibbaan dhiigaa lakkoofsa lamaan irratti hunda’a: kan gubbaa fi kan jalaa. Laakkofsi jalqabaa (systolic) dhiibbaa yeroo onneen keenya kottoonfatu mul’atu yoo ta’u, laakkofsi lammaffaa ykn kan jalaa (diastolic) ammoo dhiibbaa yeroo onneen boqotuu fi dhiigni deebi’ee onneen guutamu mul’atuudha. Dhiibbaan dhiigaa olka’aa ta’uu isaa mirkaneessuuf, guyyoota adda addaa lamatti safaramee, lakkoofsi gubbaa 140 mmHg fi isaa ol ta’uu ykn lakkoofsi jalaa 90 mmHg fi isaa ol ta’uu qaba. Lamaan keessaa tokko ol ta’uunis dhiibbaan dhiigaa olka’aa jiraachuu agarsiisa.
Namni dhiibbaa dhiigaa olka’aa qabu mallattooleen dhukkubbii itti dhagahamuu dhiisuu danda’a. Kanaaf, karaan ittiin beekamu sirrii fi amanamaan dhiibbaa dhiigaa safaruu qofa.
Dhiibbaan dhiigaa olka’aa gosa lama qaba. Inni jalqabaa, dhiibbaa dhiigaa sababa dhibee biraan hin tahin (Essential or Primary Hypertension) yoo ta’u, kun sababa dhukkuba biraatiin kan hin dhufin jechuudha. Namoota dhiibbaan dhiigaa qaban keessaa %80–95 kan ta’an gosa kana qabu. Inni lammaffaa, dhiibbaa dhiigaa sababa dhukkuba biraatiin dhufu (Secondary Hypertension) dha. Kun dhukkuba kalee, dhibee kalladoo xannacha adrenalii (pheochromocytoma), fi rakkoo hidda dhiigaa irraa kan ka’e ta’uu danda’a.
Wontoota carraa dhiibbaan dhiigaa olka’aa horachuu dabalan keessaa muraasni: umuriin dabalu,sanyiidhan( genetics), ulfaatina garmalee, sochii qaamaa dhabuu, nyaata sooqiddi itti baay’atu fayyadamuu, alkoolii garmalee dhuguu, fi sigaaraa xuuxuu fi kkf. Isaan keessaa kan jijjiruu hin dandeenye akka sanyii fi umrii ta’ullee, akkaataa jireenya keenyaa( life style) foyyeessuun carraa dhukkuba kanaa hir’isuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, ulfaatinna qaamaa hir’isuun, sochii qaamaa gochuun, nyaata madaalawaa fayyadamuu, sigaaraa fi alkoolii dhiisuu fa’a.
Yaalii Isaa:
◇Yaala Qorichaan Alaa
1. Ashaboo Hir'isuu
- Nyaata Soogidda/ashaboon itti baay'ate nyaachuun dhiibbaa dhiigaa fida.
-Namni tokko guyyaatti ashaboo walakkaa fal'aana shaayii 1 ( 2.5 g of NaCl) ol fudhachuu hin qabu.
2. Sochii qaamaa taasisuu
- Torbanitti guyyaa 3-4 daqiiqaa 30f sochii qaamaa taasisuun dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
- Sochiin taasifamuu, dafanii deemuu, fiiguu, hojii humnaa hojjachuu, jiimii galuu fi kkf ta'uu mala.
3. Ulfaatina hir'isuu
- Ulfaatina dabaluun dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa waan ta'eef, ulfaatina giddu galeessa qabachuu barbaachisa.
4. Nyaata coomni fi waan mi'aawaan (sukkaarri) itti baay'atu nyaachuurraa of qusachuu fi muduraa fi kuduraa nyaachuu baay'isuu.
5. Alkoolii dhuguu dhiisuu. Alkoolii baay'isuun dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuboota biroo hedduuf nama saaxila.
6. Sigaaraa xuuxuu, buna baay'inaan dhuguu fa'a dhiisuu.
7. Yeroo mara dhiphachuu fi aaruu (stress) hir'isu fikkf
◇Yaalii Qorichaa:
* Namni tokko dhiibbaan dhiigaa isaa irra deddeebi'uun ilaalamee >140/90 yoo ta'ee fi wantoota dhiibbaa dhiigaaf saaxilan (maatii keessa dhiibbaan dhiigaa jiraachuu, dhukkuba sukkaaraa qabaachuu, sigaaraa xuuxuu, maatii keessa namni dhukkaba onnee ykn waan hin beekamnee tasa du'u fi kkf ) yoo jiraate qoricha ni jalqaba.
* Dhiibbaan dhiigaa >140/90 ta'ee garuu wantoota saaxilan yoo hin qabaanne ji'a tokkoo hanga ji'a sadii yaalii qoricha malee kan akka olitti haasofnee kanaa fi hordoffiitu godhamaaf. Ji'a sadii boodaas dhiibbaan dhiiga isaa >140/90 yoo ta'e qorichatu eegalama. Sanaa gadi yoo ta'e immoo ammas ji'a sadii booda beellamna.
* Haala kanaan, namni dhiibbaa dhiigaa ol ka'aaqabu yeroo yeroon mana yaalaa deemee gorsaa fi yaalii barbaachisaa ta'e fudhachuu qaba jechuudha.
Yeroo hordoffii mana yaalaatti taasiftan, ogeessi dhiibbaa dhiigaa keessan ilaale, yoo too'atame qoricha akka itti fuftan, yoo hin too'atamne immoo sababoota jiran adda baasuun gorsa ykn dawaa dabaluu danda'a. Kanaaf dhiibbaa dhiigaatiif hordoffii tartiibaan taasisuu fi gorsa ogeeysa fayyaatiin masakamuu barbaachisa .
Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!

Comments
Post a Comment