FOROFORII (Seborrheic dermatitis) #Foroforiin maali?

 FOROFORII (Seborrheic dermatitis)

#Foroforiin maali?


     ☆☆☆☆☆
Foroforiin gosoota dhukkuba gogaa keessaa tokko kan ta'eefi namarraa namatti kan daddarbudha.
Foroforiin amalasaarratti hunda'uun jabaataa kan hin taaneefi mallattoo hedduus kan hin qabne (dandruff)jedhamuun kan beekamuufi jabaataa kan ta'e yeroo hedduu gogaa sammuu keenyaafi kutaa qaama keenyaa kan biroorrattillee kan mul'achuu danda'udha.

#Foroforiin namoota akkamiirratti mul'achuu danda'a?

-Daa'imman torban 2 hanga waggaa 1 jidduu jiraniifi namoota umurii ga'eessummaa ol jiran irratti mul'achuu danda'a.
- Yeroo hedduu namoonni foroforii qaban dhibee biroo hin qaban garuu, namoonni tokko tokko HIV, Parkinson, gaggabdoo, dhiphina waliin walqabatee uumamuu danda'a.

#Sababoonni foroforii fidan maalfaati?

-Sababnisaa sirriitti kanadha jedhamuu baatus fangasii gogaa keenya wajjin waliigalanii jiraatan (normal flora)Malassezia jedhamuun dhufuu danda'a jedhamee yaadama.

-Xannachoonni gogaa keenyaa bakkatti walitti qabamanitti (gogaa sammuu, fuula, naannoo qomaa, dugda gara olii, gurra gara alaa, bobaa, harma jala)tti uumamuu danda'a.

#Foroforiin akkamitti yaalama?

- Shaampoowwan dhiqannaaf oolan kanneen akka ketoconazole 2%, Selenium sulfied, Ciclopirox , Zinc pyrithione of keessaa qaban fayyadamuun to'achuu dandeenya.
- Shaampoo kana dibannee daqiiqaa 5-10 tursiifnee dhiqachuu, torbee tokkotti yeroo 2-3 deddeebisanii ittiin dhiqachuun barbaachisaadha.
- Dabalataanis, yoo kan hooqsisuu ta'eefi, jabaataa ta'e, gogaa sammuun alattiifi dhukkubni biroon yoo jiraate, gorsa ogeessa gogaatiin qorichoota dabalataa fudhachuun barbaachisaadha.

#Foroforiin maaliif namatti deddeebi'a?

-Sababni fidu sirriitti waan hin beekamneefi fangasiin kun gogaa keenya waliin waliigaluun foroforiin akka hin fayyine (not curable) godha. Kanaafi kan namatti deddeebi'u; garuu, mallattoosaa to'achuufi hir'isuun ni danda'ama.

#Foroforiin akka nutti hin deddeebineef maal haa goonu?

-Hanga mallattoonsaa badutti shaampoon dhiqachuu barbaachisa(ogeessi gogaa qoricha dabalataa ajajuu danda'a), mallattoonsaa erga badees shaampoon torbeetti altokko ykn torban lamatti altokko dhiqachuun akka nutti hin deddeebineef nu gargaara.

#Foroforiin akka rifeensi bubuqqa'u ni godhaa?

-Sababa foroforiin rifeensi bubuqqa'uun kan barame miti garuu, kan hedduu nama hooksisuu yoo ta'e rifeensi bubuqqa'uu danda'a.

#Dabalataanis, ogeessa gogaa osoo hin mari'atiin qorichoota fayyadamuu dhiisuun, gogaan keessan akka hin miidhamneef gargaara.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
 

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"