Kaanserii Balbala Gadameessaa (Cervical Cancer)❞

 ​❝Kaanserii Balbala Gadameessaa (Cervical Cancer)❞


​Kaanseriin balbala gadameessaa, dhibee kaansarii qaama hormaata dubartootaa irratti mul’atu keessaa sadarkaa lammaffaa irratti argama; biyyoota guddachaa jiran keessatti garuu sadarkaa tokkoffaa irratti argama. Kaanseriin kun dhibee kaansarii du’aaf sababa ta’an keessaa, kaansarii harmaatti aansuun sadarkaa lammaffaarratti ramadama.

​✅ Sababootaa fi Mallattoolee

​Kaanseriin kun parsantii 99 ol kan inni dhufu vaayirasii "Human Papillomavirus (HPV)" irraa yoo ta’u, vaayirasichi karaa wal-qunnamtii saalaan daddarba.

​Wantoota nama saaxilan:

​Walqunnamtii saalaa namoota hedduu waliin gochuu.

​Ijoollee baay’ee godhachuu.

​Dhibee wal-qunnamtii saalaan daddarban qabaachuu.

​Tamboo xuuxuu.

​Humna dhibee ofirraa ittisuu qaamaa dadhabuu (Fkn: HIV/AIDS).

​Mallattoolee:

​Dhiiga gadameessaa yeroo laguu (period) alatti dhangala'u.

​Dhangala'aa foolii hamaa qabu karaa gadameessaa ba'uu.

​Yeroo walqunnamtii saalaatti dhukkubbiifi dhiiguu.

​Dhibee kana ittisuu fi yaaluu

​Kaanseriin balbala gadameessaa dhibee guutummaatti ittisuun danda'amudha:

​Talaallii farra vaayirasii HPV fudhachuu.

​Dubartootni umuriin isaanii waggaa 21-65 ta’an ogeessa fayyaa bira deemun qorannoo yeroo yeroon gochuu.

​❝የማህጸን በር ካንሰር (Cervical Cancer)❞

​የማህጸን በር ካንሰር በሴቶች የመራቢያ አካላት ላይ ከሚከሰቱ ካንሰሮች በዓለም አቀፍ ደረጃ በሁለተኛነት፣ በማደግ ላይ ባሉ ሀገራት ደግሞ በአንደኛነት ይጠቀሳል። ለሞት ከሚዳርጉ የካንሰር አይነቶችም ከጡት ካንሰር በመቀጠል በሁለተኛ ደረጃ ላይ ይገኛል።

​✅ መንስኤዎች እና ምልክቶች

​ከ99 በመቶ በላይ የሚሆነው የማህጸን በር ካንሰር የሚከሰተው "Human Papillomavirus (HPV)" በተባለ ቫይረስ አማካኝነት ሲሆን፣ ይህ ቫይረስ በዋናነት በግብረ ስጋ ግንኙነት ይተላለፋል።

​ተጋላጭ የሚያደርጉ ነገሮች:

​ብዙ ሰዎች ጋር የግብረ ስጋ ግንኙነት ማድረግ።

​ብዙ ልጆች መውለድ።

​በግብረ ስጋ ግንኙነት የሚተላለፉ በሽታዎች።

​ሲጋራ ማጨስ።

​የሰውነት በሽታ የመከላከል አቅም ማነስ (ለምሳሌ፡ ኤች አይ ቪ/ኤድስ)።

​ምልክቶች:

​ከወር አበባ ውጪ የሚከሰት የደም መፍሰስ።

​መጥፎ ጠረን ያለው ፈሳሽ ከማህጸን መውጣት።

​በግብረ ስጋ ግንኙነት ወቅት ህመም እና ደም መፍሰስ።

​መከላከል እና መፍትሄ

​ይህ በሽታ ሙሉ በሙሉ ሊከላከል የሚችል ነው፡

​የ HPV መከላከያ ክትባት መውሰድ።

​ዕድሜያቸው ከ21-65 የሆኑ ሴቶች በየጊዜው የህክምና ምርመራ ማድረግ።

​❝Cervical Cancer❞

​Cervical cancer is the second most common cancer among women globally, and the leading cause of cancer-related deaths among women in developing countries, ranking second only to breast cancer.

​✅ Causes and Symptoms

​Over 99% of cervical cancers are caused by the "Human Papillomavirus (HPV)," which is primarily transmitted through sexual contact.

​Risk Factors:

​Multiple sexual partners.

​Having many children.

​History of sexually transmitted infections (STIs).

​Smoking.

​Weakened immune system (e.g., HIV/AIDS).

​Symptoms:

​Abnormal vaginal bleeding (outside of menstruation).

​Foul-smelling vaginal discharge.

​Pain and bleeding during sexual intercourse.

​Prevention and Care

​Cervical cancer is entirely preventable:

​Get the HPV vaccine.

​Women aged 21-65 should undergo regular screening by a medical professional.

Comments

Popular posts from this blog

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU.

Yeroo_Walqunnamtii_Saalaa (Dubartiidhaf):

Dhiira moo dhalaatu irra caalatti nama biraa irratti laallata?"