Posts

Yeroo Ulfaa Walqunnamtiin Saalaa Kallattii Kamiin Dalagamuu Qaba?

Image
Yeroo Ulfaa Walqunnamtiin Saalaa Kallattii Kamiin Dalagamuu Qaba? ​Walqunnamtiin saalaa yeroo ulfaa hanga haadha ulfaa gammachiisetti, fedhii ishee ta'ee fi rakkooleen armaan gaditti eeraman hin jirretti fayya-qabeessaafi kan hin daangeffamneedha. ​Haata'u malee, haalli armaan gadii kun yoo jiraate walqunnamtiin saalaa taasisuun hin danda'amu: ​Seenaa irra deddeebi'ee ulfi bahuu qabaachuu (recurrent abortion). ​Bishaan gubbee (dhangalaa'aan ulfaa) torbee 37 dura dhangala'uu ykn seenaa akkasii qabaachuu (PPROM). ​Dhukkubbii garaa gadii kan ciniinsuu fakkaatutti fi sabaabni isaa hin beekkamne qabaachuu, dabalataanis haalli ciniinsuu yeroon isaa hin geenyeef isaa saaxilu yoo jiraate (high risk of preterm labour). ​Dhiigni hammi kamuufi yeroo kamiyyuu (yeroo ulfaa) gara qaama saalaan dhangala'uun yoo jiraate. ​Gorsi ogeessa fayyaa dursuu qaba: Barreeffamni kun gorsa ogeessa fayyaa bakka bu'uu hin danda'u. Kanaafuu, hordoffii ulfaa (ANC follow up) ...

Karoora Ulfa Ittisu Waggaa Sadii: Waa'ee Implanon Maal Beeyna? ​Implanon Maalidha?

Image
Karoora Ulfa Ittisu Waggaa Sadii: Waa'ee Implanon Maal Beeyna? ​Implanon Maalidha? ​Ulee xiqqoo fi socho'aa gogaa harka gubbaa jala kaa'amu ta'ee, to'annoo da'umsaa yeroo dheeraaf tajaajiluudha. ​Hormoonii piroojeestiini fayyadamuun hanga waggaa sadiitti hanqaaquun akka hin madhafne (ovulation dhaabuun) ulfa ittisa. ​Dhangala'aan gadameessaa akka furdatuufi ulaan gadameessaa akka qallatu taasisuun isparmiin gara keessaa akka hin sochoone danqaa uuma. ​Malli kun %99 ol bu'aa qabeessa yoo ta'u, erga galfamee booda suphaa guyyaa guyyaa hin barbaadu. ​Faayidaalee Implanon ​Hanqaaquu ittisa (Ovulation): Karaan inni ulfa ittiisuun jalqabaa ji'a ji'aan ovaariin hanqaaquu tokko akka hin gadhiifne dhorkuudha. ​Dhangala'aa gadameessaa furdisa: Hormooniin kun dhangala'aa gadameessaa keessa jiru waan furdisuuf, isparmiin gara gadameessaa akka hin seenne taasisa. ​Uffata gadameessaa qallessa: Akkasumas uffanni gadameessaa akka qallatu waa...

Faayidaa Qullubbii Diimaa Qabu: Qoricha Manaa Fayyaa Keenya Eegu.

Image
 Faayidaa Qullubbii Diimaa Qabu: Qoricha Manaa Fayyaa Keenya Eegu. ​Qullubbii diimaa nyaata keenya keessatti fayyadamuun fayyaa qaamaatiif faayidaa guddaa qaba. Qullubbii kana keessatti viitaaminonni, albuudoni fi kompaawindonni addaa qaama keenyaaf barbaachisoo ta'an hedduun ni argamu. ​Faayidaalee Gurgudoo Qullubbii Diimaa: ​Dandeettii ittisa dhibee ni cimsa: Viitaamin C fi farra oksiidaantotaa (antioxidants) qabaachuun qaamni dhibee irraa akka of eeguuf ni gargaara. ​Fayyaa onnee ni deeggara: Dhiibbaa dhiigaa fi kolestiroolii hamaa hir'isuuf gargaara. ​Sukkaara dhiigaa to'achuuf ni fayyada: Namoota sukkaara dhiigaa ol'aanaa qaban gargaaruu keessatti gahee qaba. ​Hojii garaachaa ni fooyyessa: Faayibarii waan qabuuf nyaatni akka gaariitti akka bullaa'u gargaara; akkasumas garaachi akka hin gogne taasisa. ​Lafee ni jabeessa: Albuudotaa fi kompaawondoota lafee deeggaran qaba. ​Dhiitaa fi miidhaa qaama keessaa ni hir'isa: Farra oksiidaantii cimaa waan qabuuf seelo...

Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"

Image
 "Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?" ********* ** 1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgabbaa'uu.  - Waan hojjachaa jiruu dhaabun ciisuu ykn taa'uu. - Hafuura dheeraa baafachuu.  - Miira dhiphinaa hir’isuuf tasgabbaa’uu. 2. Bishaan Dhuguu (yoo hin dhoowwamne): - Bishaan qulqulluu xiqqo xiqqo dhuguun kalee qulqulleessuuf gargaara. - Garuu yoo fincaan fancaa'uuf kan rakkanu ta'e ykn rakkoo onnee qabaanne, bishaan baay’ee dhuguun balaa ta’uu danda’a — kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuun gaaridha. 3. Fincaan Ilaalu: - Fincaan dhiiga qabu, foolii qabu yookiin fincaan yoo xiqqaate, mallattoo dhukkuba kalee ta’uu danda’a. - Fincaan nama gubuun yookin dhiiga makatuun yeroo bayyee mallattoo dhukkuba kalee agarsiisa. Kanaaf dursanii odoo dhukkubbiin hin eegalin adda baafachuun barbaachisaadha. 4. Dawaa Ajaja Ogeessa Fayyaatiin Ala Liqimsuu Dhiisuu: - Dawaan tokko tokko kalee miidhuu danda’a, fakkeenyaaf ibuprofen, paracetamol fi aspirin yeroo kaleen nu dhukkubde a...

Dhukkubbii Yeroo Walqunnamtii Saalaa/Dyspareunia Maaltu Namatti Fida?

Image
 "Dhukkubbii Yeroo Walqunnamtii Saalaa/Dyspareunia Maaltu Namatti Fida?" ********* ** Rakkoon kun saala lachuu muudachuu danda'us, harka caalu garuu dubartoota irratti ni baay'ata. Akka qorannoon garagaraa jedhutti dubartoonni baayyeen jireenya isaanii keessattii yeroo wayii isaan ni muudata.  Dhukkubbiin kunis xiqqaa irraa hanga hamaa gahuu danda'aa, akkasumas walqunnamtii saalaa dura, yeroo walqunnamtii saalaa fi booda ta'u danda'a. Rakkoo kana sababoonni fidan baayyeedha, sababoonni kunneenis rakkoo qaamaa ykn rakkoo xiinsammuutiin ta'u danda'a. Mee sababoota kanneen yaa ilaalluu:- *Walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal hoo'isuu dhiisuu(poor foreplay/warm-up) ykn jarjaranii gara walqunnamtii saalaa deemuu *Qorichoota tokko tokko fudhachuu, fknf kan akka qorichoota dhibee olka'u dhiibbaa dhiigaa, dhibee garaachaa fi kkf  *Umriin raaguu, keessattuu waggaa 45 booda *Miidhaan qaama saalaa fi  naannoo san irra gahuu, kunis sababa yaala baqaq...

Haal Dureewwan Walqunnamtii Saalaa.

Image
 Haal Dureewwan Walqunnamtii Saalaa 💥💥💥💥💥💥💥💥💥 ➲ Dhiirri tokko sireeratti miira dubaraa erga kakaasee ofii gadi lakkisee booda ishiinimmoo xiqqoo kan hafu ta'e 'maaloo maalif dhabda raawwadhu malee' yeroo jettu kan isaammoo fedhiin du'ee waan jiruuf qaanii guddatu itti dhaga'ama. . ➲ Dhiira tokko jiruuf jireenya walqunnamtii saalaa inni raawwatu keessatti kan isa gammachiisu yoo jiraate yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatu yoo ishee moo'edha. Yeroo dubartiin miiran aaddu, hoollattu arguun isa boonsa. Keessattuu dhumarra geessee yeroo ishiin gammachuun waan hasoftuu fi dhiistu walii wallaalte xibaartu, miiran addunyaa daaktu arguun dhiirummaa isaa akka itti dhaga'amu godha.  . ➲ Garuummo kana gochuuf yeroo dhiironni tokko tokko gola keessaa rakkatan ni mul'ata. Rakkoon kun kan muudatu hir'ina beekumsa walqunnamtii saalaa fi dubaratti siqanii fedhii ishii hubachuu dadhabuu irraan kan ka'e ta'us, baay'een keenya barumsa walqunnamtii s...

Faayidaalee Jinjibilaa:

Image
 Faayidaalee Jinjibilaa: **** Jinjibilli keemikaala “Gingerol” kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba. – Fedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala. – Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa. – Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir’isa. – Nyaanni garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa ittisa. – Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun diifafa nurraa balleessa. – Dhukkubbii maashaa erga ispoortii ykn hojii hojjannee booda nutti dhufu hir’isa. – Dhukkuba kulkulfannaa buusaa, dhukkubbii mudaanmuddii fi lafee/qiiqwee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa. – Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa saniin dhufan nurraa dhorka.